Mariin biyyaalessaa rakkoolee biyyattiif furmaata- Jiraattota Magaalattii
Finfinnee, Adoolessa 15, 2018(FMC)- Mariin biyyaalessaa geggeeffamaa jiru biyya keenyaaf furmaata waaraa ni fida jedhan jiraattonni Godina Wallagga Bahaa magaalaa Angar Guutee.
Jiraattonni magaalattii yaada Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif kennaniin, mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu rakkoolee biyyattii waggoottaniif madda waldhabdee turaniif furmaata ta’uu ibsaniiru.
Marichi rakkoolee turan mariifi marabbaan furuun nageenya mirkaneessuu akka danda’us kaasaniiru.
Wanta bakka bu’oonni keenya mari’achuun irratti waliif galan fudhannee hojiirra oolchuuf qophoofneerras jedhaniiru.
Milkaa’ina marii kanaaf hundi qooda irraa eegamu ba’aachuu akka qabus dhaamaniiru.
Yaa’iin marii biyyaalessaa Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee magaalaa Finfinnee Giddugala Konveenshinii Idil-addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jiraachuun kan beekamudha.
Yohaannis Malkaamuutiin.
#Oromia #Ethiopia