Fana: At a Speed of Life!

Lakkoofsi maamiltoota Itiyoo Teeleekoom miiliyoona 90.1 gahe

Finfinnee, Adoolessa 16, 2018 (FMC) – Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Itiyoo Telekoom, Firehiyiwat Taammiruun, raawwii hojii dhaabbatichaa bara 2018 irratti har’a ibsa kennaniiru.
Dhaabbatichi tajaajila ammayyaa yeroo madaluu dhiyeessuun diijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf murannoon hojjetaa jiraachuu ibsan.
Naannawaa baadiyyaatti aanaalee 117’f tajaajila Neetworkii dhiyeessuun lammiilee miiliyoona 1.5 fayyadamoo taasisuun danda’amuu Firehiyiwat Taammiruun eeraniiru.
Bara baajatichaa magaaloonni 246 fayyadamtoota dhaloota 4ffaa, waliigala lakkoofsi magaaloota tajaajila dhaloota 4ffaa argatanii kuma 1 fi 200 qaqqabuu kaasan.
Magaaloonni 33 ammoo fayyadamtoota tajaajila dhaloota 5ffaa ta’uu isaanii ibsan.
Yeroo ammaa lakkoofsi maamiltootaa miiliyoona 90.1 qaqqabuu himuun, raawwiin bara kan % 101.7 ta’uu eeran.
Malaakuu Gaddifiin.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.