Teeknooloojii diijitaalaa babal’isuuf Itiyoophiyaatti yeroo dheeraa hin fudhatu- Ambaasaaddar Abrahaam Nugusee
Finfinnee, Adooleessa 16, 2018 (FMC) – Teeknooloojii diijitaalaa babal’isuuf Itiyoophiyaatti yeroo dheeraa hin fudhatu jedhan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Israa’el Dooktar Abrahaam Nugusee.
Israa’el beekumsa damee diijitaalaan qabdu Itiyoophiyaaf qooduuf fedhii qabaachuus kaasaniiru.
Itiyoophiyaan imala diijitaalaayizeeshinii milkeessuuf yeroo hanga Israa’elitti fudhate akka itti hin fudhanne eeraniiru.
Humna namaafi qabeenya uumamaa qabduun, bu’uuraalee misoomaa diijitaalaa ijaaraa jirtuun, akkasumas haalota mijatoo biroo qabdutti fayyadamuun Itiyoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti Afrikaarraa biyya diinagdeen dursitu ta’uu akka dandeessus kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia