Daldala qabeenya hin mul’annee hayyama malee gaggeessuun dhorkaadha – Baankicha
Finfinnee, Adooleessa 16, 2018 (FMC) – Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa daldalaa fi tajaajila qabeenya hin mul’annee (Virtual Asset) hayyama malee gaggeessuun dhorkaa ta’uu beeksise.
Baankichi ibsa har’a baaseen, qaamolee seeraan hayyamni kennameef alatti daldala, jijjiirraa, daddabarsaa fi hojiiwwan kanaan walqabatan kan qabeenya hin mul’annee raawwachuun akka hin danda’amne ibseera.
Dhorkaan kun maallaqa dijitaalaa qofa osoo hin taane, jijjiirraa, daldalaa fi dabarsa qabeenya qabatamaa hintaanee, akkasumas daldala kanaaf tajaajila faayinaansii kennuus kan dabalatu ta’uun ibsameera.
Hojiiwwan kunneen malaammaltummaa maallaqaa, sirna daldala dijitaalaa seeraan alaa fi balaawwan kana fakkaatan fiduun seera kan cabsan waan ta’eef, namoonni fi dhaabbileen hojii kana keessatti hirmaachaa jiran daldalaa fi tajaajilawwan akkanaa hatattamaan akka dhaaban Baankichi akeekkachiiseera.
#Oromia #Ethiopia