Fana: At a Speed of Life!

Akkaadaamiin Loltummaa Hoolataa qondaaltota kaadhimamoo marsaa 71ffaa koorsii Matammaa eebbisiisaa jira

Finfinnee, Adoolessa 18, 2018(FMC)- Akkaadaamiin Loltummaa Itiyoophiyaa mooraa Akkaadaamichaa Hoolataatti argamutti qondaaltota kaadhimamoo marsaa 71ffaa koorsii Matammaa eebbisiisaa jira.

Sirna eebbaa kanarratti Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa, Hogganaa Qajeelcha Olaanaa Barnootaafi Leenjii Raayyaa Ittisaa Jenberaal Yimar Makonnin, Ajajaa Akkaadaamii Loltummaa Itiyoophiyaa Birgaadeer Jeneraal Geetaachoo Habtaamuu dabalatee qondaaltonni loltummaa fi Attaasheewwan loltummaa biyyoota garaagaraa argamaniiru.

Birgaader Jeneraal Geetaachoo Habtaamuu wayita kana leenjiin eebbifamtoonni fudhatan jabina hoggansaa gama maraa kan guddisudha jedhan.

Beekumsaafi ogummaan eebbifamtoonni argatan dandeettii ergama dirqamaa loltummaa kamiinuu akka bahataniif isaan dandeessisu kan gonfachiisu ta’uus eeraniiru.

Miseensota Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa dabalataan qondaaltonni kaadhimamoon biyyoota Afrikaa garaagaraarraa dhufanii leenjicha fudhatan eebbifamuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.