Fana: At a Speed of Life!

Kaantibaa Adaanech harmee osoo Yaa’ii Marii Biyyaalessaarratti hirmaachaa jirtuu ilma dhiiraa deesse gaafatan

Finfinnee, Adoolessa 19, 2018 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen harmee Naannoo Beeniishaangul Gumuuz bakka bu’uun Yaa’ii Marii Biyyaalessaarratti hirmaachaa osoo jirtuu ilma dhiiraa deesse gaafataniiru.

Kantiibaa Aadde Adaanech Abeebeen harmee Naannoo Beeniishaangul Gumuuz irraa paartii morkataa bakka bu’uun Yaa’ii Marii Biyyaalessaarratti hirmaachaa osoo jirtuu ilma dhiiraa deesse Haadaa Al-Mahdiin gaafataniiru.

Haadaa Al-Mahdii ittigaafatamummaa itti kenname jaalala biyyaa guddaadhan bahachaa osoo jirtuu ilma dhiiraa nagaadhan deesse jedhan Kaantiibaa Adaanech Abeebeen.

Nutis Adde Haadaaf Wiirtuu Konveenshinii Addunyaa Addisitti bakka boqonnaa qopheessuun, meeshaalee deessuudhaaf barbaachisan guunnee “Baga gammadde” jechuudhaan daawwanneerra jedhan.

Aadde Haadaa Al-Mahdii ilma dhiiraa yeroo marii biyyaalessaa seena qabeessa kana irratti deesse maqaa “Koomishinii” jedhu moggaasufiin ishee ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.