Hojii bakkeewwan balfi itti gatamaa ture gara bakka bashannanaatti jijjiire
Finfinnee, Adoolessa 20, 2018(FMC) – Hojiin Ashaaraa magariisaan hojjetamaa jiru seenaa biyyaattii jijjiiruun waltajjiiwwan addunyaa irratti maqaa gaarii kennisiiseeraaf.
Bara 2011 kan eegalame sagantaa kanaan hanga ammaatti biqiltuuwwan biliyoona 48 ol dhaabamaniiru.
Kun ammoo uwwisa bosonaa biyyattii ol kaasuun haala qilleensaa tasgabbeesseera, oomishtummaan qonnaa akka dabaluufis gargaareera.
Kana malees hoji dhabdootaaf carraa hojii uumuun guddina dinagdee biyyaa keessattis qooda isaa ba’aa jira.
Magaalaa Asallaattis bakkeewwan qarqara lageenii duraan balfi itti gatamaa ture, amma seenaa isaanii jijjiiree iddoowwan aaragalfii fi bashannanaa ta’aniiru.
Jirattonni magaalaa Asallaa FMC’f yaada kennan akka dubbatanitti, iddoowwan kunniinitti hannaa fi yakka adda addatu raawwatamaa ture; Amma garuu bakka maatiiwwan ijoollee isaanii itti bashannansiisanii fi dabaala miidhagina magaalattii ta’aniiru.
Kantiibaan magaalattii Simee Tsaggaayee akka dubbatanittis, laggeen magaalattii qaxxaamuran shanan duraan sababa lolaa fi yakka hannaan yaaddoo jiraattotaa turan, amma madda galii, gammachuu fi aara-galfii samuu ta’aniiru.
Ammas bu’aa kana caalmaatti guddisuuf ashaaraa magarisaa babal’isuun hojiin magaalatti miidhagsuu fi bakka jireenyaa filatamtuutti jijjiiruu cimee akka itti fufu hubachiisaniru.
Olyaad Ahmad’tu gabaase.
#Oromia #Ethiopia