Fana: At a Speed of Life!

Marichi biyya cimtuu ijaaruuf kan gargaaru missiraachoo injifannoo walooti – Mari’attoota

Finfinnee, Adoolessa 20, 2018 (FMC) – Yaa’iin Maree Biyyaalessaa gaggeeffamaa jiru biyya cimtuu ijaaruuf kan gargaaru missiraachoo injifannoo walooti jedhan hirmaattoonni yaa’ichaa.

Marichi fedhii fi ilaalcha biraa hubachuuf haala mijataa kan uume ta’uu ibsan maricharratti hirmaataa kan jiran Pireezidaantii Ittaanaan Dhaabbilee Hawaasa Siiviilii Itiyoophiyaa obbo Ahimad Huseen.

Yaa’ichi lammiileen fedhii isaanii ibsachuu fi yaada namoota biroo dhaggeeffachuu kan danda’an, akkasumas yaadawwan ijaarsaa fi faayidaa qaban biyya ijaaruuf gargaaran itti dhiyaatan ta’uu isaan Itiyoophiyaa keessatti aadaa fi muuxannoo haaraadha jedhan.

Yaa’ii lammiilee gidduutti wal amantaa uumuuf dandeessisu, hirmaachisaa fi hammataa biyya cimtuu ijaaruuf faayidaa olaanaa qabuudha jechuun ibsan.

Marichi rakkoolee barootaaf turan furuuf tarkaanfii olaanaa ta’uu Daayrekterri Gamtaa Dhaabbilee Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa obbo Mas’uud Gabayyoon eeraniiru.

Gamtichi taajjabdoota 10 ol bobbaasuun hirmaachisummaa fi bilisummaa yaa’ichaa taajjabuu ibsan.

Mari’attootni ajandaa dhiyaaterratti dammaqinaan hirmaachuun waliigaltee siyaasaa uumuun, furmaata dhaabbatummaa maddisiisuuf gahee olaanaa qaba jedhan.

Yaa’icharratti hirmaachuu isaan muuxannoo garaagaraa argachuu kan ibsan ammoo Raawwachiisaa Olaanaa Federeeshinii Dargaggootaa Itiyoophiyaa dargaggoo Yooseef Abarraati.

Yaa’ichaan yaadawwan olka’iinsa Itiyoophiyaa mirkaneessan maddaa jiraachuu fi milkaa’inni Itiyoophiyaa gara sadarkaa fooyya’aatti ceesisuu danda’u akka galmaa’u abdii qabaachuu kaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.