Ergaa Kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee:-
Har’a galgala hoggantoota keenya hunda waliin raawwii hojiilee waqtii gannaa hojjennu hojiilee tajaajila tola ooltummaa, ijaarsa manaa, balaa lolaa ittisuu, hojiilee qulqullinaa, ashaaraa magariisaa, maaddii qooduu, arjooma dhiigaa, gargaaramtummaafi hiyyummaa hir’isuufi kanneen biroo gamaaggamneerra.
Damee hundaan hojiileen bu’aa qabeessa ta’an hojjetamaa akka jiran mirkaneessineerra. Haa ta’u malee kutaalee magaalaa fi dhaabbilee gidduutti garaagarummaan raawwii ni mul’atu.
Yeroo itti aanutti dhimmoonni xiyyeeffannoon addaa kennamuufiin hogganamuu qaban:-
👉Ijaarsa manneenii eegalle saffisiisuu,
👉Diichiiwwan qulqulleessuu akkasumas diichiiwwan haaraa ijaaruu,
👉Iddoowwan qabeenya olaanaan misooman kunuunsuu, qulqullina isaanii eeguu,
👉Qulqullinni magaalaa aadaa akka ta’uuf hojjechuu,
👉Sababa ijaarsaan qaamolee daandiiwwan balleessan, diichiiwwan cufan saffisaan rakkicha akka furaniifi itti gaafatamummaa fudhatan gochuu,
👉Hojii bu’aa qabeessa ashaaraa magariisaan eegalle qulqullina isaaf xiyyeeffannoo kennuu akkasumas hojii dhaabbii biqiltuu yeroo gabaabaa keessattii fi karooraa ol milkeessuu,
👉Hojii tajaajila tola ooltummaa lammiin hundi aadaa akka godhatuuf hojjechuu,
👉 Barattoonni bu’aa qabeeyyii akka ta’aniif barnoota deeggarsaa gannaa cimsuu,
👉Barnoota gaheessotaa cimsuu,
👉Gargaaramtummaa keessaa bahuuf hojiilee namoomaa eegalaman hojiirra oolchuuf man-kuusaawwan qulqullinaan kan ijaaraman ta’us hojii itti aanu kan ta’u meeshaaleen deeggarsa namoomaa gahaa akka qabaatan gochuuf xiyyeeffannoon hojjechuun hoggansi hundi kan raawwatanidha.