Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Geediyoon gita isaanii Zimbaabuwee fi Beeniin waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 21, 2018 (FMC)- Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos yaa’ii 49ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftotaa Gamtaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiruun cinaatti Ministira Dhimma Alaa Zimbaabuwee Piroofesar Amoon Muraawiiraa waliin mari’ataniiru.

Itiyoophiyaa fi Zimbaabuween hariiroo seenaa qabeessa waggoota dheeraa qaban ta’uu isaaniin, dhimma Gamtaa Afrikaa, paan Afrikaanizimii fi dhimmoota idil addunyaa biroorratti ilaalcha walfakkaataa qabaachuun ibsameera.

Biyyoonni lameen hariiroo gamlamee isaanii caalmaatti cimsuuf dameelee garaagaraan tumsa waliigaltee mallatteessan hojiirra oolchuuf komishinii Ministeerotaa gaggeessuuf waliigalaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Dooktar Geediyoon Ministira Dhimma Alaa Beeniin Kooriin Amoorii waliin hariiroo gamlamee qaban caalmaatti cimsuuf haalota dandeesisanirratti mari’ataniiru.

Ministiroonni lameen ammaan dura waliigalteewwan mallatteessan hojiitti galchuuf akkaataa dandeessisurratti yaadoota wal jijjiiraniiru.

Beeniin Itiyoophiyaa waliin damee hubannoo namtolcheen muuxannoo wal jjjiruuf fedhii qabaachuun ibsamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.