Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa Ashaaraa Magariisaan barana biqiltuu biiliyoonni 8.5 ol ni dhaabama

Itiyoophiyaan ashaaraa magariisaafi misooma anniisaa haaromfamaa irratti bal’inaan hojjechaa jirti.

Gama Kanaan sosochii idil-addunyaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf godhamu keessatti qooda ishee adda durummaan bahachaas jirti.

Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni hedduun faalama qilleensaa keessatti qooda qabaachuu baatanis miidhaa isaa garuu qixa biyyoota guddatanii qooddatu.

Waggoota dheeraa dura uwwisni bosonaa Itiyoophiyaa %40 irra akka ture ni dubbatama.

Rakkoon itti fayyadama qabeenya uumamaafi lafaa uwwisa bosonaa kana gara %3’tti gadi buusee akka tures ragaaleen ni mul’isu.

Mancaatiin qabeenya uumamaa keessumaa sirnaakoon manca’uun fi oomishtummaan hir’achuun, qaamoleen bishaanii timaan guutamuun akkasumas hangi qaamolee bishaanii hir’achuun hawaasa rakkoolee hongee, balaa lolaafi wabii midhaan nyaataaf saaxileera.

Kana hubannoo keessa galchuun yaada Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad maddisiisaniin sagantaan dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara 2011 eegalame.

Bara sana irra eegalee sosochii uummataa ta’uun wagga waggaan biqiltuuwwan biiliyoonatti lakkaa’aman guutuu biyyattiitti dhaabamaafi kunuunfamaa jiru.

Haaluma Kanaan bara 2011 sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaan biqiltuu biiliyoona 4 dhaabuuf karoorfamee biqiltuu biiliyoonni 4.7 dhaabuun danda’ameera.

Bara 2012 biqiltuu biiliyoona 5.9, bara 2013 biiliyoona 6.8, bara 2014 biiliyoona 7.2, bara 2015 biiliyoona 7.5, bara 2016 biiliyoona 7.5 akkasumas bara 2017 biqiltuun biiliyoona 8 kan dhaabame yoo ta’u bara 2018 ammoo biqiltuu biiliyoona 8.5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Walumaagalatti biqiltuuwwan boqonnaa 1ffaafi 2ffaan dhaabaman biiliyoona 50 irraan gahuuf galmi kan kaa’ame yoo ta’u hojiin kunis biyya keenya addunyaarraa biyya sagantaa misooma qabeenya uumamaa guddaa hojiirra oolchitu akka taatuuf qooda olaanaa bahata.

Hojichi sadarkaa biyyaalessaa ta’uun fi Itiyoophiyaanonni hedduun dhaabbiifi kunuunsa biqiltuu irratti hirmaachuun bu’aa qabeessummaa sagantaa ashaaraa magariisaa keessatti gahee olaanaa bahateera.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa misooma biyyaalessaarra darbee xiyyeeffannoofi dinqisiifannaa idil-addunyaa kan argate yoo ta’u, biyyoonni biroonis tattaaffii jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf taasisaniif saganticha fakkeenyaa godhataniiru.

Itiyoophiyaan wagga waggaan biyyoonni ollaallee inisheetiivii ashaaraa magariisaa akka qooddatan taasisaa jirti.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.