Fana: At a Speed of Life!

Bara 2018 Daldala Al-ergiirraa galiin Doolaarri miiliyoona 600 ol argame

Finfinnee, Adooleessa 22, 2018 (FMC) – Bara bajataa 2018tti oomishaalee dameeoomishaatiin gara alaatti ergaman irraa galiin doolaara Ameerikaa miiliyoonni 600 fi miliyoonni 7 argameera jedhe Ministeerri Indaastirii.

Ministeerichi oomishtoota damee oomishaaraawwii hojii daldala al-ergii gaarii galmeessisan waliin marii gaggeessaajira.

Ministirri Indaastirii obbo Malaakuu Allebal waltajjicha irratti akka dubbatanitti, sochiin “Itiyoophiyaan haa oomishtuu” erga jalqabameeas oomishaalee alaa galan kan biyya keessaani bakka buusuun fi galii sharafaalaa guddisuun bu’aa gaariin galmaa’eera.

Kanaanis, sosochiin ” Itiyoophiyaan haa oomishtuu ” jalqabamuun dura galiin sharafa alaa doolaara miiliyoona 300 fi miliyoona 85 qofa ture, amma waggaatti doolaara miiliyoona 600 fi miliyoona 7gahuu ibsaniiru.

Utubaalee dinagdee shanan keessaa tokkokan ta’e dameen oomishaa xiyyeeffannoo mootummaan kenneefiinn jijjiiramabu’uuraa galmeessaa jira jedhaniiru.

Bara bajataa itti aanutti oomishaalee garaalaatti ergaman irraa galii doolaara biiliyoona 1 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Carraan hojii waggaatti namoota kuma 100fi kuma 62 qofaaf uumamaa ture amma garuu namoota kuma 400 fi kuma 33 ol ta’aniif uumamaa jiraachuu ibsaniiru.

Oomisha gara alaatti ergamu guddisuu figalii sharafa alaa fooyyessuuf Tarsiimoon Daldala Al-ergii qophaa’uus obbo Malaakuun eeraniiru.

Efreem Mitikkuutu gabaase

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.