Fana: At a Speed of Life!

Bara baajataa 2018tti xiyyaaroti imalaa haaraa sagal bitamaniiru – Obbo Mesfin Taasaw

Finfinnee, Adooleessa 22, 2018 (FMC) – Bara baajataa 2018 keessa xiyyaarota imalaa haaraa sagal bitamuu hojii raawwachiisaa olaanaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Obbo Masfin Xaasoo ibsan.

Raawwii hojii bara baajataa 2018 ilaalchisee ibsa kennaniin, bara kanatti tajaajila kaargoodhaan fe’umsi meetrik tooniin kuma 800 fi kuma 97 geejjibsiifamuu himanii, kun bara darbe waliin yoo walbira qabamu % 16’n caalmaa qabaachuu ibsaniiru.

Bara baajataa kanatti xiyyaarota imalaa haaraa 9 fi xiyyaarota leenjii qondaaltota balaliif oolan DA40 NG jedhaman 8 bitamuu himaniiru.

Dabalataanis, bara baajatichaatti buufataalee xiyyaaraa naannolee garaagaraa Itiyoophiyaa keessatti argaman haaromsuu fi haaraa ijaaruun hojiiwwan hedduun raawwatamuu ibsaniiru.

Rakkoo mana jireenyaa hojjettootaa salphisuuf hojii jalqabameen hojjettoota kuma 5 ta’aniif manneen ijaaramaa jiraachuu himanii; kana keessaa manneen kuma 2 fi 500 ta’an hanga Amajjii bara 2019tti xumuramuu ibsaniiru.

Manneen hafan ammoo hanga dhuma bara 2019tti ni xumuramu jedhaniiru.

Yuunivarsiitiin Aviyeeshinii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa barattoota simate keessaa barattoota kuma 11 fi 713 eebbisiisuu danda’uu ibsaniiru.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa hojiiwwan tola ooltummaaf deeggarsa maallaqaa birrii miiliyoona 5.6 ol ta’u baasii gochuu Obbo Masfin beeksisaniiru.

Immabeet Siisaayiin

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.