Hojiileen naannoo Amaaraatti waggoottan darban hojjetaman bu’aa qabeessa – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Adoolessa 25, 2018 (FMC)- Hojiileen waggoottan jijjiiramaa darban naannoo Amaaraatti hojjetaman kan xiqqeffamanii miti jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy dhimmoota diinagdee, hawaasumaa,siyaasaa fi dhimmoota adda addaa irratti Amaaraa Miidiyaa Korpooreeshin waliin turtii taasisaniin, Waggoottan jijjiiramaa darban Naannoo Amaaraattii hojiileen waggoota 30’n darban hin hojjetamne raawwatamaniiru jedhan.
Naannichatti Bu’uuraalee misoomaa, tuurizimii, Qonnaa, Jallisii , Elektirikii, Paarkiiwwan Indaastirii , Fayyaa fi kanneen biroon hojiileen bu’aa qabeessi hedduu hojjetamuu kaasaniiru.
Waggoottan 20 fi 30’n darban naannoon Amaaraan amma misoomaan fayyadamuu qabu hin fayyadamne kan jedhan Dooktar Abiy, carraalee naannichi qabutti fayyadamuun hojiileen hedduu hojjetamuu himan.
Waggoottan muraasa darban fageenyi deemame, kan xiqqeeffamuu miti jechuun, gaaffiin hidha ‘Magac’ irra waggoota 18’f ture furamuun pirojektichi yeroo dhihootti tajaajila kennuu kan eegalu ta’uu ibsaniiru.
Misooma qonnaan naannichatti jijjiiramaan dura oomishni kuntaalli miiliyoonni 90 qofatu argama ture kan jedhan Dooktar Abiy, amma garuu oomisha kuntaala miiliyoona 205 irra qaqqabuu dubbatan.
Akkasumas rakkoo bishaan dhugaatii, Elektiriikii, Hidha fi jallisiin turan furuun jijjiiramnii foyya’aan argameera jedhan.
Naannichatti Paarkiileen Indaastirii dhuunfaa fi mootummaa heddu ijaaramuus himaniiru.
Hojiileen damee tuurizimiin naannicha keessatti hojjetamaniis fakkeenyummaa guddaa qabaachuu Dooktar Abiy dubbataniiru.
Bu’uuraalee misoomaa fi dameelee garaagaraan hojiileen Naannoo Amaaraatti hojjetaman kan jajjabeefamiidha jedhan.
Misoomni koriidarii Magaaloota Naannoo Amaaraa 32 keessatti hojjetamaa jiraachuu kaasan.
Gondar Baahir Daar, Waldiyaa, Kombolchaa, Dabra Birhaaniifi kanneen biroo keessattii hoiileen hojjetaman guddina diinagdee naaNnichaaf bu’ura kaa’a jiru jedhan.
Haala rakkisaa fi gufuulee heddu turan keessatti hojileen naannoo Amaaraatti hojjetaman hojiilee waggoota 20 fi 30’n darbanii yoo caale malee hin xiqqatu jedhan.
Tsahaay Gulummaatiin.