Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa har’a qofa osoo hin taane egeree Itiyoophiyaa irratti xiyyeeffate

Finfinnee, Adoolessa 26, 2018(FMC)- Itiyoophiyaan kallattiiwwan hundaan biqiltuu dhaabaa, kunuunsaa jirti.

Bara 2011 yaada Ministirri Muummee Doooktar Abiy Ahimad maddisiisaniin wagga waggaan duulaa fi sosochii cimaan hojiirra oolaa kan jiru sagantaan ashaaraa magariisaa biqiltuuwwan biiliyoonni 48 ol akka dhaabaman dandeessiseera.

Biqiltuuwwan qabeenya bosonaa guddisan, fuduraalee faayidaa diinagdee qaban, mukkeen nyaata beelladaaf oolan, mukkeen dhiqama biyyee ittisan akkasumas horsiisa kanniisaa saffisiisan akka dhaaabamaniif carraa uumeera.

Qabeenyi bosonaa Itiyoophiyaa garmalee xiqqaatee ture yeroo ammaa yaaddoo baduu keessaa bahee uwwisni isaa dabalaa dhufeera.

Sagantaan ashaaraa magariisaa dhugoomuun uwwisa bosonaa biyyattii %23.6 irraan gaheera.

Oomishtummaa fuduraaleenis bu’aa qabatamaan kan galmaa’e yoo ta’u oomishni fuduraalee fedhii biyya keessaarra darbee gabaa alaaf dhiyaachuu jalqabeera.

Bu’aan dhiyeessiin nyaata beelladaa irratti argames misooma qabeenya beelladaa keessatti qooda olaanaa bahachaa jira.

Horsiisa kanniisaa keessattis oomishtummaa dammaa guddisuun sagantichi shoora olaanaa taphachaa jira.

Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa hojiirra oolaa jiru har’a qofa osoo hin taane dhaloota egeree ilaalcha keessa kan galchedha.

Sagantaan ashaaraa magariisaa kutannoo mootummaan ida’amuu biyya fooyyofte dhaloota egereef dabarsuuf qabu kan agarsiisu yoo ta’u har’a qofa osoo hin taane dhaloota egeree bu’uureffachuun hojiirra oolchaa jira.

Sagantaan ashaaraa magariisaa akka biyyaatti madda miidhaginaa, diinagdeef ammoo dandeettii dabalataati. Hojiin karooraan deeggaramee bu’uura Kanaan hojjetamaa jiru bu’aan isaa qabatamaan mul’achaa dhufeera.

Imalli misooma magariisaa gochaan deeggarame kun faayidaa gama diinagdeefi eegumsa naannoon qabu dabalataan dippiloomaasii idil-addunyaa keessatti Itiyoophiyaaf kabajaafi dhaggeeffatamummaa gonfachiiseera.

Bu’aa Itiyoophiyaan sagantichaan argatte jijjiirama qabeenya qilleensaa yeroo ammaa addunyaatti qormaata ta’eef barumsa guddaa kan kennudha.

Itiyoophiyaanonni faayidaa biqiltuu dhaabuu haalaan hubachuun milkaa’ina sagantichaaf wagga waggaan hirmaannaa dinqisiisaa ta’een ashaaraa isaanii kaa’aa jiru.

Bara kanas biqiltuu biiliyoona 8.5 ol dhaabuuf sochii keessa kan jiran yoo ta’u guyyaa boruu qofa biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuun addunyaa raajeffachiisuuf qophaa’aniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.