Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaatti guyyaa tokkoon biqiltuu kuma 800 ol dhaabuuf qophiin xumurame

Finfinnee, Adooleessa 26, 2018 (FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaatti guyyaa tokkoon biqiltuu kuma 800 ol dhaabuuf qophiin barbaachisu xumurameera jedhe Abbaan Taayitaa Naannoo, Bosonaa fi Qabeenya Qilleensaa bulchiinsa magaalichaa.

Daayrektarri Misooma Bosonaa Abbaa Taayitichaa Obbo Maasrashaa Yimar akka ibsanitti, sagantaan Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo, mata duree “Abdii haa dhaabnu” jedhuun bor geggeeffamuuf qophiin barbaachisu hundi xumurameera.

Sagantaan dhaabbii biqiltuu kun iddoowwan bishaan argachuu danda’an afur fi naannolee hawaasni jiraatutti akka raawwatamu ibsaniiru.

Biqiltuuwwan dhaabaman keessaa harka caalaan isaanii jechuunis %90 ol kan nyaataaf oolan biqiltuuwwan muduraa ta’uu eeranii, biqiltuuwwan kunniin iddoo itti dhaabamanitti geeffamuu himaniiru.

Saganticha irratti jiraattonni kuma 75 ol akka hirmaatan ibsaniiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiin biqiltuuwwan miliyoona 5 ol ta’an misooma bosonaaf, gaaddisaaf, miidhaginaaf akkasumas nyaataaf oolan gosi adda addaa dhaabamaa jiraachuu dubbataniiru.

Tashoomaa Haayiluutu gabaase

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.