Ijoollee keenyaaf hojjechaa jirra – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Adoolessa 27, 2018 (FMC) – Ijoollee keenyaaf hojjechaa jirra, abdii dhaabna, Itiyoophiyaa uwwisna jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Sagantaan dhaabbii Biqiltuu guyyaa tokkoo guutuu biyyattiitti gaggeeffamaa jira.
Itiyoophiyaanonni ganna guutuu Itiyoophiyaa uwwisuuf taattaaffii taasisaa turuu ibsan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad saganticha ilaalchisee ergaa dabarsaniin.
Kaayyoo guddaan tattaaffichaa Badhaadhina, nyaachuu, jijjiiramuu, guddachuu fi qaroomuu Itiyoophiyaafi jedhan.
Biqiltuun kun har’a hiikaa hin qabu, boruuf garuu hiikoo guddaa akka qabu ibsan