Ashaaraan magariisaa tokkummaa lammiilee mirkaneessa
Finfinnee, Adoolessa 27, 2018 (FMC) –Hooggantoonni olaanoon Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinneetti biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoo magaalaa Finfinneetti dhaaban.
Duula dhaabbii ashaaraa magariisaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf qabameen Hooggantoonni olaanoon Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Kolfee Aanaa 6 Paarkii Hiddaaseetti biqiltuu dhaabaaniiru.
Pireezidaantii Ittaanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah Ashaaraan magariisaa tokkummaa lammiilee kanmirkaneesse,Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun, Miidhagina magaalaa dabaluu,dhiqama biyyee hir’isuun guddummaa biyyattii addunyaatti agarsiiseera jedhan.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2018, dhaadannoo “Abdii haa dhaabnu” jedhuun guutummaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jira.
Tasfaayee Ijjiguun