Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis oomisha Jirbii Shawaa Bhaaa daawwatan

Finfinnee, Adoolessa 27, 2018 (FMC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan oomisha jirbii Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaalleetti jallisiin misoome daawwataniiru.

Inisheetivii haaraa 33 keessaa Inisheetiviin jirbiin tokko ta’uu kan yaadachiisan Pireezidaanti Shimallis, Jirbiin godinaalee Oromiyaa garagaraa lafa hektaara kuma 1 fi 800 irratti misoomaa jiraachuus eeran.

Birmadummaa mirkaneessuuf nyaatan of danda’uu, qoricha oomishuu, waan uffatamuu oomishuun murteessaa waan ta’eef kanarratti xiyyeeffannaan hojjatamaa jira jedhan.

Hojii kana milkeessuufis teeknooloojii yeroon barbaaduu dabalatee galteewwan garagaraarratti hojjetamaa jiraachuu kaasan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.