Fana: At a Speed of Life!

COP-32 beekamtii tattaaffii eegumsa naannoo Itiyoophiyaaf kennamedha- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Adoolessa 27, 2018(FMC)- Itiyoophiyaan Yaa’ii COP-32 akka qopheessituuf kan filatamte tattaaffiin eegumsa naannoo ishee beekamtii idil-addunyaa waan argateefidha jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan.

Obbo Tamasgeen Xurunaan sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabaniiru.

Itiyoophiyaan biyya birmadummaafi daangaa ishee kabachiistee turte ta’uu kaasanii, qabeenya uumamaa ishee garuu haalaan misoomsaa akka hin turre ibsaniiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa yaadama abdiin Itiyoophiyaa qabeenya uumamaa ishee eeguudha jedhuun eegalameen damee eegumsa naannoon jijjiiramoonni qabatamaan dhufuu eeraniiru.

Waggoottan 8 darban keessa biqiltuun biiliyoonni 48 ol dhaabamuu yaadachiisanii, barana biqiltuu biiliyoona 8.5 dhaabuuf hojjetamaa jira jedhan.

Guyyaa har’aas sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuun uummanni Itiyoophiyaa magariisa uwwisuuf dammaqinaan hirmaachaa jira jedhaniiru.

Hojiilee ashaaraa magariisaan hojjetamaniin faayidaalee hedduun argamuus kaasaniiru.

Itiyoophiyaan fooyyessii seeraa, diinagdee, hawaasummaafi dhaabbilee dabalataan damee eegumsa naannoofi misooma magariisaan fooyyasiiwwan hedduu taasisuun xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Afrikaan dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa biyyoonni indaastiriin guddatan geessisaniin rakkoof saaxilamuu kaasanii, ashaaraan magariisaa dhiibbaa kana ittisuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Miikiyaas Ayyalaan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.