Biqiltuurra darbee marii biyyaalessaan diimookiraasiif bu’uura kan ta’u waliigaltee dhaabaa jirra- Piroofeesar Masfin Ar’aayaa
Finfinnee, Adoolessa 27, 2018(FMC)- Biqiltuurra darbee marii biyyaalessaan diimookiraasiif bu’uura kan ta’u waliigaltee dhaabaa jirra jedhan Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ar’aayaan.
Komishinaroonni Komishinii Marii Biyyaalessaafi mari’attoonni yaa’ii marii biyyaalessaa sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon ashaaraa isaanii kaa’aniiru.
Piroofeesar Masfin Ar’aayaa wayita kana gochaan biqiltuu dhaabuu yaadaa fi marii waliin hidhata qaba jedhan.
Itiyoophiyaanonni seenaa biyyattii keessatti kutaalee hawaasaa hundarraa mariif kan walitti qabaman yeroo jalqabaaf ta’uu yaadachiisanii, yaadotaafi aadaa waldhaggeeffannaa gara waliigalteetti geessan dhaabaa jirra jedhan.
Biqiltuu dhaabuun meeshaa hiikkatanii mari’achuun nageenyaafi misooma fiduuf akkasumas tokkummaa uummataa cimsuu waliin hidhata kan qabu ta’uus ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia