Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa ashaaraa magariisaa irratti hirmaachuun itti gaafatamummaa biyyaalessaa bahachaa jira- obbo Abbee Saannoo

Finfinnee, Adoolessa 27, 2018(FMC)- Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa irratti dammaqinaan hirmaachuun itti gaafatamummaa biyyaalessaa bahachaa jira jedhan Pireezidaantiin Baankichaa obbo Abbee Saannoon.

Hoggantoonniifi hojjettoonni Baankichaa guyyaa har’aa mooraa Paarkii Indaastirii Boolee Lammii keessatti biqiltuu kuma 20 ol dhaabaniiru.

Obbo Abbee Saannoo wayita kana sosochiin biyyaalessaa waggoota saddettan darban keessa eegale kun carraa guddaa lammiilee hedduu hirmaachise ta’uu ibsan.

Baankichi hojjettoota kuma 22 ol hirmaachisuun guutuu biyyattiitti biqiltuu kuma 200 fi kuma 10 ol dhaabuun waamicha sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoof deebii kenneera jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.