Fana: At a Speed of Life!

Ashaaraan magariisaa baay’inaafi qulqullina oomisha bunaa dabaleera- Dooktar Addunyaa Dabalaa

Finfinnee, Adoolessa 27, 2018(FMC)- Sagantaan ashaaraa magariisaa baay’inaafi qulqullina oomisha bunaa dabaleera jedhan Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayi Itiyoophiyaa Dooktar Addunyaa Dabalaa.

Dooktar Addunyaa Dabalaa Sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon ashaaraa isaanii kaa’aniiru.

Dooktar Addunyaa dabalaa wayita kana ashaaraan magariisaa mootummaan Ida’amuufi uummanni yaadaafi kaayyoo tokkoon hojjechaa akka jiran kan agarsiisudha jedhan.

Sagantaan ashaaraa magariisaa bara 2011 irraa eegalee gaggeeffamaa akka ture yaadachiisuun, sagantichaan biqiltuuwwan diinagdeefi wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf qooda olaanaa bahatan dhaabamuu ibsaniiru.

Yeroo sagantichi jalqabe irraa kaasee baay’inni fi qulqullinni oomisha bunaa guddachaa dhufuu; sharafni alaa daldala al-ergii bunaarraa argamus guddachaa akka dhufe ibsaniiru.

Miikiyaas Ayyalaan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.