Fana: At a Speed of Life!

Hanga ammaatti biqiltuun miiliyoonni 700 ol dhaabbate- TKM

Finfinnee, Adoolessa 27, 2018(FMC)- Sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon hanga ammaatti biqiltuun miiliyoonni 700 ol dhaabbateera jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Aadde Innaataalam Mallasee.

Aadde Innaataalam Mallasee ibsa kennaniin, sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoo har’a sadarkaa biyyaalessaatti gaggeeffame irratti hanga ammaatti Itiyoophiyaanonni miiliyoonni 22.2 dammaqinaan hirmaataniiru jedhan.

Haaluma Kanaan biqiltuu miiliyoona 700 ol dhaabuu eeranii, kunis lafa heektaara kuma 200 fi kuma 56 kan uwwisu ta’uu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.