Lammiileen miiliyoonni 21 ol sa’aatii 8:00 keessatti biqiltuu miiliyoona 600 fi miiliyoona 50 dhaaban- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Adoolessa 27, 2018(FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad lammiileen miiliyoonni 21 ol sa’aatii 8:00 keessatti biqiltuu miiliyoona 600 fi miiliyoona 50 dhaabaniiru jedhan.
Sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo irratti hirmaannaafi kutannoon uummataa olaanaan kan mul’ate ta’uu ibsuun, sa’aatiiwwan hafan keessatti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuun karoora keenya milkeessuuf ni hojjetama jedhaniiru.
Ashaaraan magariisaa biqiltuu dhaabuurra darbee abdii, tokkummaa, jaalala biyyaa fi dhaloota egereef duudhaa qabeenya waaraa dabarsuu kan cimsu sosochii biyyaalessaa ta’uu dubbataniiru.
Sagantichaan sirnaakkoo uumamaa eeguuf sanyiiwwan mandhalee dhaabuu, dhiqama biyyee hir’isuufi uwwisa magariisaa babal’isuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Biqiltuuwwan fuduraalee bal’inaan dhaabuun wabii nyaataa, madda galii fi galii sharafa alaa guddisuuf qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Fooyya’iinsi daldala alaa oomisha Avokaadoon argame sagantaan ashaaraa magariisaa eegumsa naannoorra darbee guddina diinagdee keessatti qooda olaanaa akka qabu agarsiisa jedhan.
Imalli misoomaa biyyattii bu’uura cimaa kan qabaatu qabeenya uumamaa eeguun fi misooma magariisaa babal’isuun ta’uus hubachiisaniiru.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia