Fana: At a Speed of Life!

Ulaa Galaanaa misooma hundagalessaa Itiyoophiyaaf…

Karri Galaanaa misooma dinagdee, hawaasummaa fi waliigalaa Itiyoophiyaatiif murteessaadha.

Gabaa idil addunyaa bahuu fi nageenya diinagdee eegsisuuf karra galaanaa argachuun Itiyoophiyaaf dhimma birmadummaati.

Itiyoophiyaan qabeenya bishaan fi fedhii karra galaanaa tarsiimoo ta’e irratt, dhimma mariin jijjiiramuu hin qabne sarara diimaa biyyaalessaati ejjennoo jedhu qabdi.

Seenaan Itiyoophiyaan ittiin ulaa galaanaa dhabde madaala seeraan ilaalamuu qaba.

Itiyoophiyaan muuxannoofi qajeeltoo addunyaarra jiruun ala dogoggora seenaa fi shira siyaasaa diinonni xaxaniin ulaa galaanaa dhabde.

Ka’umsa seenaa Itiyoophiyaan qabdu, ragaalee ulaa galaanaatti fayyadamaa turuushii kan ibsudha.

Dhimmi ulaa galaanaa mootummaan biyya bulchu qofti kan itti dhiphatu osoo hin taane ajandaa biyyaalessaa ta’uun paartileen siyaasaa garaagarummaa tokko malee ajandaa waloo godhachuun irratti hirmaachuu qabu.

Lafa taakkuu hin guunnerratti karra galaanaa Dhimma akka filannootti ilaallamu osoo hin taane dhimma Nageenyaa fi Diinagdee biyyaaf yaaddessaa ta’eedha.

Galaanni bara durii madda qaroominaafi badhaadhinaa ture kun har’as taanaan guddina diinagdee biyyattiifi dhiibbaa uumtummaa naannawaaf murteessaadha.

Akka seenaan ragaa bahutti nageenyiifi misoomni Itiyoophiyaa yeroo maraa nageenyaafi tasgabbii Galaana Diimaa waliin hidhata qaba.

Buufanni Asab waggoota hedduuf ulaa diinagdeefi tarsiimawaa Itiyoophiyaa ta’uun tajaajileera.

Bara mootummoota Hayilesillaasee fi Dargii buufata Asab irratti hojiin invastimantii guddaan hojjetameera.

Buufanni boba’aa dhimbiibu ijaarameera, daandiin konkolaataa fe’umsaa buufaticha irraa hanga Finfinneetti diriire ijaarameera, akkasumas humni galaanarraa cimaanii fi dhaabbileen dooniiwwanii hundeeffamaniiru.

Buufatichi ulaa seensaafi bahumsaa Itiyoophiyaa isa ijoo ture.

Haa ta’u malee taateen siyaasaa dhuma jaarraa 20ffaa irratti mudate Itiyoophiyaan buufata kana irraa dhiibuun guutummaatti biyya buufata hin qabne ishee taasiseera.

Adeemsi Itiyoophiyaan buufata Asab irraa akka dhiibamtu godhe kan eegale bara 1983 wayita humnoonni ADWUI fi ABUT Finfinnee Shaabiyaan ammoo Asmaraafi Asabiin to’atan ture.

Wayita sana waggoottan muraasa Eertiraan bilisummaa ishee ifatti labsachuun duraafi booda Asab Itiyoophiyaaf “buufata walabaa” ta’ee akka tajaajiluuf waliigalteen godhamee ture. Itiyoophiyaanis qaraxa malee buufaticha fayyadamaa turte.

Shirri dhokataan Itiyoophiyaa buufata irraa dhiibuu ulaa galaanaa dhabsiisuuf ta’us ajandaa biraan as bahe. Biyyoota lameen gidduutti daldala kontiroobaandii babal’isuu, maallaqa Eertiraa Naaqfaa beeksisuufi bittaafi gurgurtaan Doolaaraan moo Birriin haa ta’u dhimmoota jedhan irratti waldhabdeen uumamuun muddamicha hammeesse.

Muddamni dhokataan biyyoottan lameen gidduu ture Caamsaa 1990 gara waraana daangaatti jijjiirame.

Taateen kun boqonnaa dhumaa seenaa Itiyoophiyaa buufata Asab irraa dhiibuu katabe.

Akkuma waraanichi uumameen sararri daldalaafi boba’aa karaa buufatichaa Itiyoophiyaaf seenu adda cite.

Biyyattiinis daldala al-ergiifi galchii ishee guutummaatti gara buufata Jibuutiitti naannessuuf dirqamte.

Itiyoophiyaan buufata Asab gadi lakkisuun buufatichaafis kufaatii diinagdee guddaa qaqqabsiise. Buufatichi galii Itiyoophiyaarraa argaachaa ture dhabe; magaalaan ho’ituu turtes onte.

Itiyoophiyaan buufata Asab irraa dhiibamuun biyyattii waggoottan 30 darbaniif dhiibbaa diinagdeefi ji’oopolatiksiif saaxileera.

Itiyoophiyaan buufata Jibuutiif waggaa waggaan Doolaara biiliyoonatti lakkaa’amu kaffaluuf dirqamteetti.

Biyya akka Itiyoophiyaa dhiyeenya Galaana Diimaatti argamtuuf, mirga abbummaa seeraafi seenaa qabduuf ulaa galaanaa dhabuu jechuun namaan somba malee harganaa jiraadhu akka jechuuti.

Biyya uummata miiliyoona 100 fi miiliyoona 30 qabduuf buufata Jibuutii qofarratti hirkachuun dandeettii raawwachiisummaa biyyattii qormaata keessa galcha.

Nageenyaafi guddina diinagdee ariifataa biyyattiif danqaa ta’a.
Bara 2010 yaada nageenyaa Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad maddisiisaniin Itiyoophiyaafi Eertiraa gidduutti waliigaltee nageenyaarra gahame.

Hojiin suphaa daandiifi waloon misoomuus eegalaman.
Haa ta’u malee dhiibbaawwan naannawaafi shira siyaasaa Shaabiyaan buufanni Asab daldala Itiyoophiyaaf osoo hin banamiin hafe.

Itiyoophiyaan buufata Asab irraa dhiibamuun godaannisa seenaa murtoowwan siyaasaafi waraanaati.

Buufaticha irraa dhiibamuun ishee kun biyya addunyaarraa baay’ina uummataa guddaa qabduufi buufata hin qabne ishee taasiseera.

Yeroo ammaa mootummaan biyyattii dogoggora seenaa kana sirreessuuf tattaaffiiwwan dippiloomaasii taasisuu itti fufeera.

Mootummaan Ida’amuu qormaanni ulfaataan kun xumuramuu qaba jedhuun, gaaffii karra galaanaa kaasee deebii argachuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.

Kanaanis biyyoota ollaa waliin marii nagaa, tumsa dinagdee fi seera idil-addunyaa irratti hundaa’uun faayidaa argachuuf tattaaffiin taasifamu itti fufee jira.

Itiyoophiyaan yeroo hunda ulaa galaanaa irraa addaan citee itti fufuu akka hin dandeenye hubachuun, hawaasni idil-addunyaa gaaffiin haqaa biyyattii deebii akka argatuuf hojjechuu qaba.

Itiyoophiyaanotni hundi gaaffiin biyyaalessaa murteessaan kun hanga deebii argatutti tokkummaan dhaabbachuu qabu.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.