Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa yeroo 9ffaaf Badhaasa Daandii Qilleensaa filatamaa Afrikaa injifate

Finfinnee, Fulbaana 8, 2019 (FMC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa yeroo 9ffaaf Badhaasa Daandii Qilleensaa filatamaa Afrikaa injifateera.
 
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa kana malees, badhaasa tajaajila kutaa biziinaasii Afrikaan filatamaafi tajaajila kutaa diinagdeen filatamaa ta’eera.
 
Beekamtii kana malees, daandiin qilleensichaa dameewwan tajaajilaa adda addaatiin badhaasa argateera.
 
Badhaasichi Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa tajaajila qulqullina qabu kennuuf kutannoo qabu, akkasumas maamiltoonni miliyoonaan lakkaa’aman addunyaa guutuutti argaman dhaabbaticharratti amantaa fi amanamummaa qaban kan calaqqisiisanidha.
 
Beekamtiin kunis, Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa tajaajila kennuuf, itti quufinsa maamiltootaa sadarkaa olaanaan guddisuuf, akkasumas bakkewwan garaagaraatti tajaajila qulqullina qabu kennuuf kutannoo qabu kan mul’isuudha.
 
Badhaasni fi beekamtiin kun Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa tajaajilaa fi hojmaata sadarkaa isaa eeggate kennuuf murannoo qabu kan mul’isu ta’uu ragaan Daandii Qilleensichaarra argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.