Dooktar Abiy Ahimad Baahir Daaritti hojiilee misoomaa daawwatan
Finfinnee, Adoolessa 30, 2018( FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Baahir Daaritti hojiilee misoomaa daawwataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon hoggantoota olaanoo mootummaa waliin ta’uun Magaalaa Baahir Daaritti hojiilee misoomaa gurguddoo daawwachuu Waajjirri Ministira Muummee ifoomseera.
Hojiileen misoomaa kunneen fayyadamummaa jiraattotaa kan mirkaneessan, dadammaqiinsa tuurizimiifi diinagdee kan uuman akkasumas qooda magaalittiin sadarkaa biyyaalessaatti daldalaafi invastimantii keessatti qabdu kan cimsan ta’uus eereera.
Dabalataanis riifoormii Mana Murtii Olaanaa Naannoo Amaaraatti deeggarsa teeknooloojiin gaggeeffamaa jiru daawwachuu ibsameera.
#Oromia #Ethiopia