Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walga’ii idilee 1ffaa waggaa 6ffaa geggeesse
Finfinnee, Hagayya 15, 2018 (FMC) — Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walga’ii idilee 1ffaa waggaa 6ffaa har’a gaggeesseera.
Kaabinichi walga’ii isaatiin ajandaawwan adda addaa dhiyaatan irratti mari’achuun murtoo dabarseera.
Haaluma kanaan:
1. Buusii fayyadamtoota Inshuuraansii Fayyaa Hawaasaa fooyyeessuuf yaada murtoo dhiyaate irratti mari’achuun hojiirra akka oolu raggaasiseera.
2. Pirojeektota faayidaa biyyaalessaa qaban, kanneen akka hoteelaa, moolii fi appaartaamaa, indaastirii, hojiiwwan arjoomaa, dhaabbilee mootummaa fi dhaabbilee yaalaa babal’isuuf, akkasumas gaaffiiwwan lafaa haaraa dhiyaatan deebisuuf yaada murtoo dhiyaate irratti mari’achuun hojiirra akka oolu raggaasiseera.
3. Naannolee gartokkoon koriidariin misoomanii, gara kaaniin osoo hin misoomin hafan, guutummaatti misoomsuuf yaada murtoo dhiyaate irratti mari’achuun hojiirra akka oolu raggaasiseera.