Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan giddugala diinagdee fayyaa Afrikaa ta’uuf hojjechaa jirti – Obbo Tamasgeen Xuruunaa

Finfinnee, Hagayya 15, 2018 (FMC) Itiyoophiyaan giddugala diinagdee fayyaa Afrikaa ta’uuf hojjechaa jirti jedhan Itti aanaan Ministiraa Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa.

Konfiraansiin Federeeshinii fayyaa Baha Afrikaa 13ffaa fi Agarsiifni fayyaa Idil Addunyaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.

Itti Aanaan Ministira Muummee sirna baniinsaa irratti haasawaa taasisaniin, birmadummaa kabachiisuu jechuun fayyaa lammiilee eegu waliin kallattiin kan walqabatu ta’uu hubachiisaniiru.

Birmadummaa biyyaalessaa guutummaatti mirkaneessuun kan danda’amu, qorichoota biyya keessaa oomishuun yommuu danda’amu, akkasumas ogeessota fayyaa gahaa ta’een leenjisuu fi hojii irra tursiisuu yeroo danda’amudha jedhan.

Dabalataanis, fedhii Afrikaa dandeettii ofiin milkeessuu fi fi weerara dhukkubootaa dandamachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Akka biyyaatti, rakkoolee fi sodaawwan fayyaa yeroo yerootti mudatan irraa baraaruu qofa osoo hin taane, sirna fayyaa yeroo hunda guddachaa fi badhaadhaa deemu ijaaruun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa Waajjirri Muummee Federeeshinii Fayyaa Afrikaa Finfinneetti akka hundeeffamu fedhii qabaachuu ibsuun, Kunis Itiyoophiyaa giddugala diinagdee fayyaa Afrikaa taasisuuf tattaaffii taasifamu kan saffisiisu ta’uu dubbataniiru.

Kaayyoo kana dhugoomsuuf Federeeshinichaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii caasawaa gaggeessuu, hammattoowwan seeraa qopheessuu fi tarkaanfiiwwan qabatamaa fudhachuuf Mootummaan qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Dabalataanis, Itiyoophiyaan oomisha qorichaa, meeshaalee qorannoo, meeshaalee yaalaa fi oomishaalee fayyaa barbaachisoo ta’an biyya keessaatti babal’isuuf, akkasumas guddina damee kanaa keessatti tumsa mootummaa fi damee dhuunfaa cimsuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Leeyikuun Alemtu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.