Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ichi waltajjii dhugaa Itiyoophiyaanotaati- Komishinar Hiruut Gabrasillaasee

Finfinnee, Hagayya 16, 2018 (FMC)- Yaa’iin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa akkaataa hirmaachiisaa fi hammataa ta’een gaggeeffameera jedhan Itti Aantuun Komishinara Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Hiruut Gabrasillaase.

Komishinar Hiruut Sagantaa Cufiinsaa Yaa’icharratti haasawaa taasisaniin, maricharratti Sagaleen nama kamuu akka kabajamu taasifameera jedhan.

Biyyattii fuulduratti ceesisuuf ajandaalee saddeettan irratti bal’iaan mari’atamuu kaasaniiru.

Yaadonni Itiyoophiyaa boruuf bu’uura ka’an yaa’icharratti maddisifamuus himaniiru.

Marii biyyaalessarratti garaagarteen yaada hedduu mul’achuus ibsaniiru.

Garagarummaa yaadaa kana keessattis waldhaggeeffachuu fi yaada walii kabajuun turuus himaniiru.

Ajandaalee kanneen ka’umsa godhachuun yaadonni Itiyoophiya gara boqonnaa haaraatti ceesisuuf dandeessisan haaraan hedduu maddisifamuu dubbataniiru.

Mari’attoonni hundi Yaadota isaanii bilisaan ibsachuu himaniiru.

Waldhadee yaada mariin furuun akka danda’amu argasiifneerra,
garaagarummaan keenya kan adda nu baasan osoo hin taane kan gara badhaadhinatti nu ceesisuudha jechuun ibsaniiru.

Mariin Aadaa keenyaa ta’ee akka itti fufuuf murannoo keenya gaafatas jedhan.

Yaadonni furmaata dhiyaatan mootummaa fi qamoolee dhimmi ilaalatun hojiira akka oolu amantaa qaban ibsaniiru.

Milkaa’ina komishinichaaf qaamolee deeggarsa barbaachiisaa taasisan hunda galateeffataniiru.

Tsahaay Gulummaatiin.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.