Ayyaana Mawuliidaa sababeeffachuun Madfiin ni dhukaafama
Finfinnee, Hagayya 18, 2018 (FMC) – Ayyaana Mawliidaa guyyaa boruu kabajamu sababeeffachuun madfiin yeroo sagal kan dhukaafamu ta’uu Raayyaan Ittisa Biyyaa beeksiseera.
Madfichi Hagayya 19, 2018 ganama sa’aatii 12:00 irratti kan dhuka’u ta’uu Raayyaa Ittisa Biyyaatti Giddugalli Ispoortii fi Aartii Faanaa Diijitaaliif ibseera.
Haaluma kanaan jiraattonni magaalaa Finfinnee odeeffannoo sirrii akka qabaatuuf, Qajeelchi Olaanaa Poolisii Finfinnee ergaa dabarseera.