Fana: At a Speed of Life!

Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaanonni karaa nagaa fi hirmaachisaa ta’een wal dhaggeeffatanuf carraa uumeera – Mana Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa

Finfinnee, Hagayya 20, 2018 (FMC) – Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaanonni karaa nagaa fi hirmaachisaa ta’een wal dhaggeeffatanuf carraa uumeera jedhe Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Siiviilii Itiyoophiya.
 
Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Siiviilii Itiyoophiyaa ibsa har’a kenneen, Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaanonni karaa nagaa fi hirmaachisaa ta’een wal dhaggeeffachuu, dhimmoota biyyaalessaa irratti mari’achuu, waliigaltee uumuu fi furmaata waliinii barbaaduuf carraa gaarii uumuun xumuramuunsaa, Itiyoophiyaaf boqonnaa seenaa murteessaa ta’uu ibseera.
 
Adeemsa kana keessatti dhaabbileen hawaasa siiviilii gahee adda addaa keessatti hirmaachaa turuu kan eere manni marichaa, akka marii gaggeessitootaatti, hirmaattotaatti, gorsitoota Komishinichaatti, hordoftootaatti, miseensota garee ogeessotaatti akkasumas waa’ee marii hubannoo uumuu fi dhimmoota irratti hojjetanirratti galteewwan ajandaa dhiyeessuun gahee isaanii bahaniiru jedheera.
 
Gaheen dhaabbileen hawaasa siiviilii adeemsa kana keessatti taphatan, hawaasni siiviilii dhimmoota biyyaalessaa irratti gumaacha ijaarsaa fi itti gaafatamummaa qabu kennuu akka danda’u kan mirkaneesse ta’uu ibseera.
 
Adeemsa kana irraa barumsi hedduun argamuu ibsuun, keessumaa dhaabbileen hawaasa siiviilii akkaataa ijaarsaa, hirmaachisaa fi dandeessisaa ta’een naannoon hojii yoo uumameef, adeemsaalee biyyaalessaa keessatti gumaachi isaan taasisan olaanaa fi bu’a qabeessa akka ta’u hubachuun danda’amuu ibseera.
 
Jabinni hawaasa siiviilii hariiroo kallattiin hawaasa waliin qabu, ilaalchota garaagaraa bakka bu’u, beekumsa ogummaa qabu, akkasumas dandeettii lammiilee fi dhaabbilee walitti fiduuf qabu irratti kan hundaa’e ta’uu eereera.
 
Hojii itti aanu fi caalaatti murteessaan dhaabbilee hawaasa siiviilii, yaadawwan furmaataa Marii Biyyaalessaa gara tarkaanfii qabatamaatti jijjiiruu, hirmaannaa uummataa itti fufsiisuu, amantaa cimsuu, akkasumas garaagarummaan yaadaa walitti bu’iinsa ykn humnaan osoo hin taane, aadaa marii fi marabbaa waliinii ittiin furamu guddisuu ta’uu ibseera.
 
Kanaafuu, Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Siiviilii Itiyoophiyaa dhaabbileen hawaasa siiviilii bilisummaa, itti gaafatamummaa fi bu’a qabeessummaan yaadawwan furmaataa Marii Biyyaalessaa hojiirra oolchuuf, ijaarsa nagaa fi aadaa dimokiraasii cimsuuf gumaacha akka taasisan, akkasumas naannoon hawaasa siiviilii deeggaruu fi ijaaruu akka cimu waamicha dhiyeesseera.
 
Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaanonni mari’achuu, wal dhaggeeffachuu fi dhimmoota irratti walii hin galle karaa hunda fayyaduun furuu akka danda’an agarsiiseera.
 
Amma itti gaafatamummaan waliinii jiru, aadaa marii kana itti fufsiisuu fi bu’aa Marii Biyyaalessaa gara ijaarsa Itiyoophiyaa nagaa, hirmaachisaa fi dimokiraatawaa ta’etti jijjiiruu ta’uu ibseera.
 
Dhaabbileen hawaasa siiviilii kutannoo Marii Biyyaalessaa kana keessatti agarsiisan adeemsawwan biyyaalessaa itti aanan keessattis akka irra deebi’an hubachiiseera.
 
Waltajjiin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, kan Adoolessa 8, 2018 gaggeeffamuu eegale, sirni cufiinsaa isaa Hagayya 16, 2018 gaggeeffamuun isaa ni yaadatama.
 
#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.