Humna Nagaa Ardii fi addunyaaf aarsaa kaffalaa jiru
Finfinnee, Hagayya 20, 2018 (FMC) — Humni nagaa eegsisaa Itiyoophiyaa qaama waraanaa nagaa Afrikaa fi addunyaaf gatii guddaa kaffalaa jiruudha
Itiyoophiyaan muuxannoo hojii nageenya eegsisuu waggoota 70 ol dheeratu kan qabdu yoo ta’u, Afrikaa keessatti biyyoota hojii nageenya eegsisuu irratti adda duree ta’an keessaa tokko yoo taatu, gahee sadrkaa naannoo fi sadarkaa addunyaatti qabdu ammas cimsitee itti fufsiisaa jirti.
Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaatti humna naga eegsisaa ergan keessaa ishee tokko dha. Seenaa ishee keessatti Kooriyaa, Koongoo, Laayibeeriyaa, Ruwaandaa, Burundii, Sudaan akkasumas Somaaliyaa keessatti humna waraanaa bobbaasuun hojiiwwan jajjaboo hojjechuu ishee ragaan seenaa ni agarsiisa.
Yeroo ammaa Itiyoophiyaan Sudaan Kibbaa, Somaaliyaa fi Abiyyee, Sudaanitti loltoota kumaatamaan lakkaa’aman bobbaasuun nageenya naannichaa eeguurratti argamti.
Keessumaa, bilisummaa fi tasgabbii nageenyaa Sudaan Kibbaa mirkaneessuuf Itiyoophiyaan gumaacha namoomaa, dipilomaasii fi waraanaa olaanaa taasifteetti.
Har’as, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jalatti uummata eeguufi walitti bu’iinsa ittisuuf loltoonni naga eegsisaa Itiyoophiyaa 1,300 ol Sudaan Kibbaa keessatti argamu.
Loltoonni boonetii cuquliisaa uffatan kun lubbuu isaanii qaalii wareeguudhaan nagaa fi tasgabbii ardichaa mirkaneessuuf gumaachaa jiru.
Itiyoophiyaan Somaaliyaa keessatti, qindoomina Tajaajila Nagaaa Eegsisuu Gamtaa Afrikaa AUSSOM jalatti, shororkeessummaa qolachuu fi nageenya Somaaliyaa mirkaneessuu keessatti gahee ishee bahachaa jirti.
Akkasumas, Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaa fi Baha Afrikaatti nageenya naannawaa, tasgabbii fi walitti hidhamiinsa dinagdee mirkaneessuuf karaa IGAD fi Gamtaa Afrikaa gahee nageenya eegsisuu fi hoggansa naannawichaa keessatti qabdu itti fufsiisaa jirti.
Mikiyaas Ayyaalaan
#Oromia #Ethiopia