Fana: At a Speed of Life!

Daldala Afrikaa Daangaa ce’u saffisiisuuf…

Finfinnee, Hagayya 22, 2018 (FMC) — Walitti hidhamiinsa dinagdee Afrikaa saffisiisuuf, tarkaanfii qabatamaa hojimaatawwan naannawa daangaa biyyootaa Afrikaa fudhachuu barbaachisaa jedhe Gamtaan Afrikaa.

Gabaasni qorannoo haaraan mataduree “Afrikaa Walitti Hidhuu: Walitti Hidhamiinsa faffaca’e irraa Gara Giddugalawwan Dinagdeetti” jedhuun
Komiishinii Gamtaa Afrikaa fi Baankii Addunyaan qophaa’ee ifoomeera.

Gabaasichi, walitti hidhaamiinsa daldalaa fi oomishaa ashuura irraa walaba ta’e cimsuun, Naannoo Daldala Walabaa Ardichaa (AfCFTA) bu’uuraalee misoomaa ammayyaa waliin deeggaruun, walitti hidhamiinsa dinagdee Afrikaa caalaatti cimsuun akka barbaachisu agarsiiseera.

Komishinarii Misooma Dinagdee, Daldalaa, Turizimii, Industirii fi Albuudaa Komishinii Gamtaa Afrikaa Fransiskaa Taachoop Beeloobee akka jedhanitti, Afrikaa keessatti sirna walitti hidhamiinsa qabuufi bu’uuraalee misoomaa irratti hundaa’e diriirsuun walitti hidhamiinsa dinagdee saffisaachuun barbaachisaa dha.

Kunis sirna gabaa fi daldalaa faffaca’aa ta’e bu’a qabeessa gochuun, Afrikaa giddugala dinagdee cimaa taasisuuf gahee murteessaa qaba jedhaniiru.

Walitti hidhamiinsi dinagdee waliigalteewwan mallatteeffaman qofaan kan milkaa’u akka hin taane kan ibsan Komishinarri kun, ce’umsa daangaa, gumurukaa’, taarifii fi gufuuwwan kaffaltii dijitaalaa biyyoota miseensotaa keessatti mul’atan furuuf sirna bu’a qabeessa diriirsuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Sirni kunis, meeshaalee dheedhii qofa erguu irra darbuun, indaastirii, humnaa fi geejjibaa keessatti cancala somaa cimsuun Mul’ata Ajandaa 2063 galmaan ga’uuf kan gargaaru ta’uun ibsameera.

Pireezidaantii itti aanaan Baankii Addunyaa Dhimma Naannoo Afrikaa Bahaa fi Kibbaa, Dooktar Nidiyaamee Diyoop , gama isaaniin, bu’uuraalee misoomaa qindaa’aan diriirsuun qonnaan bulaa, indaastirii fi gabaa gidduutti walitti hidhamiinsa waaraa uuma jedhaniiru.

Baankiin Addunyaa gufuuwwan daldalaa hir’isuufi adeemsa daldala daangaa ce’u salphisuuf bu’uuraalee misoomaa ijaarraman deeggaruu akka itti fufu mirkaneessuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.