Taphni Goobeefi Shiinoyyee karaa duudhaafi Safuu isaa eegeen taphatamuu qaba- Abbaa Gadaa Geetuu Taliilaa
Finfinnee, Hagayya 23, 2018 (FMC)- Taphni Goobeefi Shiinoyyee karaa duudhaafi Safuu isaa eegeen taphatamuu qaba jedhan Abbaan Gadaa Tuulamaa, Geetuu Taliilaa.
Abbaan Gadaa Tuulamaa Geetuu Taliilaa haala taphni Goobeefi Shiinoyyee itti taphatamuu qaburratti guyyaa har’aa Magaalaa Finfinnee Malkaa Hora Finfinneetti miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Abbaan Gadaa Geetuu Taliilaa ibsa kennaniin, Goobeefi Shiinoyyeen tapha simannaa birraa dargaggeessaafi shamarraniin Hagayya 16 irraa eegalee taphatamu ta’uu kaasanii, sirna isaa eeggatee taphatamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Taphni kunis tapha jaalalaafi kan gamtaan jala bultii birraatti taphatamuu ta’uu eeruun, waa kadhachuuf kan baa’amu akka hin taane ibsaniiru.
Taphni kun daa’imaafi gaa’essa abbaa warraa kan hin dabalanne manarra deemuun taphatanii kennaa kan ittiin fudhatanii eebbisan ta’uus eeraniiru.
Haaromsa aadaa taasifameefis akka gumaachutti sirnaan naamusa isaa eegee kabajamuu akka qabus yaadachiisaniiru.
Shinooyyeen immoo kan Qarreen Qunnii buqqifachuun eegalamu ta’uu ibsanii,kunis irra jireessaan shamarraniin akka sirbamuufi dubartii bultii qabdu akka hin ilaallanne eeran.
Shinooyyenis akkuma Goobee sirba jaalalaafi tokkummaan shamarraniin sirbamu akka ta’e Abbaa Gadaa Geetuu Taliilaa himaniiru.
Sirnichi karaa duudhaafi safuu isaa eegeen akka raawwatuuf qaamni hundi tumsa barbaachisaa akka taasisu dhaamuu isaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia