Yaadama Ida’amuun tokkummaa biyyaalessaaf boqonnaa haaraa kan bane Marii biyyaalessaa..
Finfinnee, Hagayya 24, 2018 (FMC) – Rakkoolee siyaasaa fi hawaasummaa walxaxaa waggoota dheeraaf Itiyoophiyaan baachaa turte waaraan furuuf, akkasumas sirna dimokiraasii cimaa fi hirmaachisaa ta’e ijaaruuf, faalasamni ida’amuu yaada ceesisaa ta’ee mul’ateera.
Faalasamni Ida’amuu sadarkaa yaadaatti, qajeeltoowwan diimokiraasii waliigaltee fi marii irratti hundaa’an waliin walitti dhufeenya cimaa qaba.
Kunis aadaa siyaasaa Itiyoophiyaa walitti bu’iinsaafi fiinxaleessummaarraa gara waliigaltee waloo, tumsaa fi marii nagaaatti jijjiiruuf humna kan qabuudha.
Akka sirna dimokiraasii sagalee baay’inaan beekamutti, biyyoonni akka Itiyoophiyaa garaagarummaa hedduu qaban keessatti injifataa fi injifatamaa uumuu waan danda’uuf, yeroo dheeraaf sababa tasgabbii dhabuu siyaasaa fi walitti bu’iinsaa ta’ee ture.
Faallaa kanaatiin, yaadamni ida’amuu, moodeela waliigaltee diimookiraasii, siyaasaa fi murtoowwan karaa hunda hammateen waliin qooduu fi itti fayyadamuu irratti xiyyeeffata.
Dabalataanis, sagaleen sabootaa, gareewwanii fi qaamolee hawaasaa hundaa akka dhaga’amuuf carraa uuma.
Akkasumas, hayyoonni siyaasaa fi kutaan hawaasaa adda addaa waliin akka hojjetan karaa bana.
Yaadni hirmaachisaan kun adeemsa marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffameef bu’uura cimaa siyaasaa fi falaasama kaa’eera.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, qaamolee kutaalee hawaasaa adda addaa, paartilee siyaasaa, abbootii amantaa, hayyootaa fi dhaabbilee hawaasa sivilii irraa walitti dhufan hirmaachisuun adeemsa marii biyyaalessaa gaggeesseera.
Adeemsi marii kunis dimokiraasiin waliigaltee fi marii hojiirra ooluu agarsiisa.
Kunis lammiileen dhimmoota bu’uuraa biyyaalessaa fi madaa seenaa irratti bilisaan mari’achuun, garaagarummaa isaanii karaa qaroominaa fi nagaa qabuun akka walitti dhiyeessan isaan dandeessiseera.
Kana malees, akka qajeeltoo diimokiraasii marii biyyaalessaatti, murtoowwan kan murtaa’an humnaan yookaan dhiibbaa sagalee qofaan osoo hin taane, marii sababa irratti hundaa’eefi waliigaltee walootiini.
Adeemsi marii biyyaalessaa kunis karaa Itiyoophiyaan ittiin injifattuu fi hundi itti fayyadamu danda’u akka qabatu gargaareera.
Kaabaa hanga kibbaatti, bahaa hanga dhihaatti, kutaan hawaasaa hundi adeemsa kana keessatti hirmaachuun ilaalchi garee tokko qofa bakka bu’u akka hin uumamne, akkasumas mul’ata biyyaalessaa waloo kan hundaaf ta’u akka bocamuuf karaa baneera.
Walumaagalatti, aadaan diimokiraasii waliigaltee fi marii, kan yaadama Ida’amuun deeggarame, Itiyoophiyaa aadaa siyaasaa humnaa fi duubatti hafaa ta’e irraa baasuun, nageenya waaraa, ijaarsa dhaabbilee dimokiraatawaa fi guddina biyyaalessaa hunda hammateef bu’uura cimaa kaa’eera.
Mariin biyyaalessaa kunis bu’aa yaadama kanaa hojiirra ooluu isaa agarsiisuun, tokkummaa biyyaalessaatiif boqonnaa haaraa baneera.
Abrahaam Abarraatiin.
#Oromia #Ethiopia