Baarkoolaan Liiverpuuliif mallatteesse
Finfinnee, Hagayya 25, 2018 (FMC) – Liiverpuul taphataa sarara fuulduraa Biraandilii Baarkoolaa PSG irraa mallatteessifachuu beeksise.
Lammiin Faransaay kun waggoota shanan itti aananiif Kilaba Marsiisaayid keessa turuuf mallatteessera.
Liiverpuul jijjiirraa taphatichaaf Yuuroo miiliyoona 100 fi miiliyoona 25 kan kaffalu yoo ta’u, ga’umsa isaa ilaaluun Yuuroo miiliyoona 20 dabalataan kan kaffalu ta’a.
Baarkoolaan turtii PSG keessatti taphoota 153 taphateen galchiiwwan 39 lakkoofsiseera.
Gama biroon Maanchiister Siitiin taphataa sarara cinaa lammii Biraaziil Alaan Eeliyaas gara kilabichaa fideera.
Alaan waggoota shanan itti aananiif mana Warra Siitii turuuf mallatteessera.
Maanchiister Siitiin taphatichaaf Yuuroo miiliyoona 40 baasii godheera.