Hojiiwwan Ijoo Dooktar Abiy Ahimad baatiiwwan Adoolessaa fi Hagayya keessa hojjetan:
Sagantaa Dhaabbii Biqiltuu Guyyaa Tokkoo:-
Bara kana waggaa saddettaffaa kan qabate Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Walitti qabaan COP32 fi Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoo, akkasumas miseensonni Koree Qindeessaa Biyyaalessaa COP32 bakka argamanitti, sagantaa dhaabbii biqiltuu waggaa waggaan gaggeeffamuu fi sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo gaggeeffameera.
Duulli kun Itiyoophiyaanonni guutuu biyyattiitti guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf galma guddaa kaa’achuun kan gaggeeffame yoo ta’u, karoora kaa’amee ol milkeessuun danda’ameera.
Milkaa’inni kun hirmaannaa Itiyoophiyaanota guutuu biyyattii keessatti argamaniin kan galmaa’e yoo ta’u, Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, hirmaattonni injifannoo seenaa, tokkummaa fi cichoominaa galmeessisuu ibsuun, hirmaattota hunda galateeffataniiru.
Daawwannaa fi Eebba Pirojektootaa:-
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad magaalaa Baahir Daaritti tarminaalaa haaraa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Dajjaazmaach Baalaay Zalaaqaa eebbisiisanii hojii jalqabsiisaniiru.
Pirojektiin kun Itiyoophiyaaf karrawwan seensa ijoo ta’an keessaa tokko ta’uu ibsuun, Magaalaan Baahir Daaris qormaata yeroo dhiyoo keessa ishee mudateef osoo hin jilbeenfatin, mallattoo cichoominaa, dandamachuu fi giddugala invastimantii ta’uu ishee mirkaneessuu hubachiisaniiru.
Tarminalli haaraan bu’uuraalee misoomaa buufata xiyyaaraa ammayyaa, daandiiwwan gahumsaa fooyya’an fi tajaajiloota babal’aa fi mijataa kan hammatedha.
Kunis jijjiirama magaalaa Baahir Daar keessatti gaggeeffamaa jiru waliin walitti dhufuun, magaalattii giddugala balalliiwwan xiyyaaraa idil-addunyaa fi biyya keessaa taasisuuf gahee olaanaa qaba jedhameera.
Dhimmoota Hawaasummaa:-
Gama biraatiin, Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad OBN waliin turtii fi gaaffii fi deebii taasisaniiru.
Turtii taasisaniinis, gareewwan hidhattootaa faayidaa biyyaalessaa irra faayidaa dhuunfaa isaan caalsifatan Oromiyaa, Amaaraa fi Tigraay keessa socho’an qofa qofaatti mootummaa mo’achuu akka hin dandeenye erga hubatanii booda, gamtaa uumuu isaanii ibsaniiru.
Dabalataanis gareewwan kunneen yaada siyaasaa fi hoggansa yeroon irra darbeen Itiyoophiyaa dadhabsiisuufi bittinneessuuf diinota alaaf meeshaa ta’anii tajaajilaa akka jiran eeraniiru.
Diimokraasiin dhugaa iftoomina siyaasaa irraa darbee, olaantummaa seeraa kan mirkaneessu gara marii biyyaalessaa dhugaatti ce’uu qaba jechuun ibsaniiru.
#PMOEthiopia
#EthiopiaDelivers