Inisheetiviin Misooma Avookaadoo Bu’aa argamsisaa jiru
Finfinnee, Hagayya 26, 2018 (FMC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa ce’umsa diinagdee mirkaneessuuf damee qonnaatiif xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojjechaa jira.
Haaluma kanaan, Biiroon Qonnaa Oromiyaa, Biiroon Daldalaa Oromiyaa fi Dhaabbanni Oro Fireesh ibsa waloo miidiyaaleef kennaniin, naannichatti dhiyeessiin oomishaalee dabalaa dhufuun qaala’iinsi gabaa tasgabbaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa, obbo Geetuu Gammachuu, Biiroon Qonnaa Oromiyaa karoora of danda’uu Mootummaa Naannoo Oromiyaa gadi buuse milkeessuuf inisheetiivota garaagaraatiin utubuun hojiiwwan hedduu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Biirichi, galmoota gurguddoo afur qabatee hojjechaa jiraachuu kan himan Obbo Geetuun, wabii nyaataa mirkaneessuu, oomishaalee alaa galan biyya keessatti oomishuun bakka buusuu,alergii guddisuufi carraa hojii bal’aa uumuu irratti xiyyeeffachuun hojjachaa jiraachuu eeraniiru.
Sochii waggoottan darban taasifamaa tureen hojiiwwan kuduraa fi muduraa irratti bu’aan gaariin mul’achaa jiraachuu kan ibsan,Obbo Geetuun, inisheetiivii oomisha Avokaadoo lafa hektaara kuma 81 ol irratti misoomaa jiru keessaa hektaarri kuma 43 irratti kan misoomee firii kennuu kan eegale ta’uu himaniiru.
Bara kana hojii misooma avokaadoo irratti xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa tureen, hanga ammaatti oomishni avokaadoo kuntaalli 2,500 gabaa biyya alaatiif dhihaachuu kaasuun milkaa’ina oomisha avokaadoo irratti eegalame gara Muuzii fi oomishaalee birootti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Hoogganaan Itti Aanaa Biiroo Daldalaa Oromiyaa, Obbo Tasfaayee Gashuu, gamasaaniin, walitti hidhamiinsa gabaa mijeessuun fayyadamummaa oomishtootaa fi daldaltootaa guddisuun walitti dhufeenyi gaariin mul’achaa jiraachuu himaniiru Daldala seeraan alaa ittisuun sirna gabaa fayya qabeessa ta’e akka jiraatu taasisuu fi dhiyeessiin oomishaalee karaa qulqullina qabuun gabaaf akka dhihaatuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eerun, too’annoo fi hordoffii cimaa taasifamaa tureen, qarshiin biiliyoona 1.1 mootummaaaf galii ta’uu himaniiru.
Hojii Gaggeessaan Olaanaa Dhaabbata Oro Fireesh, Obbo Tasfaayee Waaqjiraa, gamasaaniin, dhaabbanni Oro Fireesh hundeeffama isaa irraa kaasee dhiyeessii kuduraa fi muduraa irratti humna horachuun qaala’iinsa gabaa tasgabbeessaa jiraachuu fi sharafa alaa argamsiisaa jiraachuu ibsuu ragaan BkO ni mul’isa.