Fana: At a Speed of Life!

Bara 2018 mootummaa bu’uura cimaarratti ijaaruuf hojiileen hedduun hojjetaman- TKM

Finfinnee, Hagayya 27, 2018 (FMC)- Bara 2018 mootummaa bu’uura cimaarratti ijaaruuf hojiileen hedduun hojjetamaniiru jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.

Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Deessisaan moggasa guyyoota shanan Qaammee Ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Ibsa isaaniin,bara 2018 hojiileen olka’iinsa Itiyoophiyaa agarsiisan dameelee hundaan hojjetamuu ibsaniiru.

Akkasumas Moggaasa guyyoota shanan Qaammee bara 2018 ifoomsaniiru.

Guyyoonni Qaammee bara kanaas olka’iinsaaf Itiyoophiyaaf bu’uura kan kaa’aan yoo ta’u, guyyootni shananuu moggaasa ofii isaanii kan qaban ta’uu himaniiru.

Haaluma kana

Qaammee 1: Guyyaa Oommishtummaa
Qaammee 2: Guyyaa Olka’iinsaa
Qaammee 3: Guyyaa Cichoominaa
Qaammee 4: Guyyaa Daneessummaa
Qaammee 5: Guyyaa Egeree jedhamuun sirnoota garaagaraan kan kabajaman ta’uu dubbataniiru.

Guyyoota kanneen keessa hojiileen bara 2018 raawwatan qindeessummaa dhaabbilee garaagaraan kan yaadataman ta’uu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbaadaa Deessisaan ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.