Fana: At a Speed of Life!

Guyyoonni shanan Qaammee bara 2018 sagantaalee garaagaraan kabajamu – TKM

Finfinnee, Hagayya 27, 2018 (FMC) – Guyyoonni shanan qaammee bara 2018 sagantaalee garaagaraan kabajamu jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.

Itiyoophiyaan qormaatilee keessa turtee fi jirtu injifachuun saffisa olaanaan imala badhaadhinaa gama Hawaasummaa, Diinagdeefi Siyaasaan jalqabde milkeessuuf tirannaarraa gara utaalchootti ce’aa jirti.

Guyyoonni Qaammee bara kanaas olka’iinsaaf bu’uura kan kaa’aan yoo ta’u, guyyoonni shananuu sagantaalee garaagaraan kabajamanii akka oolaan Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbaadaa Deessisaan ibsaniiru.

Haaluma kanaan:-

Qaammee 1 guyyaan oomishtummaa, guyyaa Itiyoophiyaan guddina tiraannaa keessaa baatee gara guddina saffisaa fi tarkaanfataa ta’etti ce’uu ishee kan itti agarsiifnuudha.

Guyyaan kun hojiiwwan damee hundaan hojjetaman jijjiirama tarkaanfataa (guddina saffisaa) galmeessaa jiraachuu kan itti yaadatamaniidha.

Qaammee 2, Guyyaan Olkaa’insaa, bara 2018 Itiyoophiyaan guddina tirannaa irraa gara olka’iinsa gama hundaa (misooma guutuu)tti ce’uu kan jalqabde waan ta’eef, guyyaan kun ‘Guyyaa Olkaa’iinsaa’ jedhamee moggaafameera.

Qaammee 3 dhaabbilee Itiyoophiyaa hundaa fi Imbaasiwwan biyyoota adda addaatti argaman keessatti Alaabaan Itiyoophiyaa faaruu biyyaalessaan akka mirmirsamu ni taasifama jedhan.

Qaammee 4 ammoo guutuu Itiyoophiyaatti tajaajilli yaala bilisaa kan kennamu ta’uu ibsaniiru.

Qaammeen 5- moggaasni guyyaa Egeree jedhamu kennameefira.

Kaayyoon isaas Itiyoophiyaan Egeree ishee har’a ijaaraa jiraachuu hubachiisuuf ta’uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.