Fana: At a Speed of Life!

Al ergii oomishaalee beelladaarraa galiin Doolaarri miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 28.3 argame – Inistiityuuticha

Finfinnee, Hagayya 29, 2018 (FMC) – Galii Oomishaalee al ergii beelladaarraa argamu guddisuuf hojjetamaa jira jedhe Inistiityuutiin Misooma Beelladaa.

Galii damichaarraa argamu guddisuuf Cancala dhiyeessii babal’isuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Daayrekterri Olaanaan Inistiityuutichaa Dooktar Asiraat Xeeraan ibsaniiru.

Itiyoophiyaan qabeenya beelladaa hedduu qabaattus sharafa alaa damichaarraa argachuu qabdu argachaa akka hin jirre dubbatan Dooktar Asiraat.

Fooyyessiin diinagdee Gooroo fi sharafa alaa dhiyeenya taasifame damicha fooyyeessuu keessatti haala mijataa uumaa jiraachuu kaasan.

Itiyoophiyaan baroota darban keessa galiin damichaarraa argataa turte Doolaa miiliyoona 95 kan hin caalle ta’uu eeruun, bara 2018 garuu Doolaara miiliyoona 100 fi miiliyoona 28.3 argachuu dubbatan.

Bara baajataa 2019 keessa daandeettii oomishtummaa dhaabbilee qalmaa guddisuun Foonii fi Bu’aalee Foonii alatti erguun galii Doolaara miiliyoona 200 fi miiliyoona 50 argachuuf karoorfamuu ibsuu ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.