Itoophiyaan Egeree Ishee Har’a Hojjechaa Jirti – TKM
Finfinnee, Qaammee 05, 2018 (FMC) – Itoophiyaan egeree ishee har’a hojjechaa jirti jedhe Tajaajilli Kominikeeshnii Mootummaa.
Tajaajilli Kominikeeshinii Mooummaa Qaammee 5 Guyyaa Egeree ilaalchisuun ibsa baaseen ergaa kana kan dabarse.
Guutuun ibsa Tajajilichaa akka itti aamutti dhiyaateera:
Itoophiyaan Egeree Ishee Har’a Hojjechaa Jirti!
Egereen kan murtaa’u hojii har’a hojjetamuun; milkaa’inni boruu kan bocamu tattaaffii har’aatiin ta’uu mootummaa Itiyoophiyaatti amantaa cimaadha. Muuxannoo gaarii kaleessaa irraa barachuun, har’a sirriitti hubachuun, mul’ata boruu har’a irraa ka’uun ijaaruun amala mootummaa kanaa isa ijoodha.
Mootummaan, beekumsa biyya keessaa teeknooloojii yeroo ammaa waliin walitti hidhuun boruuf qophaa’uun itti gaafatamummaa guddaa dhaloota kana irraa eegamu ta’uu cimsee amana. Kanaafis, dijitaalaayizeeshinii akka humna dandeessisuutti, akkasumas akka damee diinagdee tokkootti fudhachuun xiyyeeffannoo guddaan irratti hojjetamaa jira.
Itiyoophiyaan dhaloota itti aanuuf dhaala gaarii malee liqii hin dabarsitu. Dhimmoota yeroon gaafatuuf deebii kennuu dadhabuun liqii dhalootaa ti. Kanaafis, biyyattiin daa’imman miliyoonaan lakkaa’aman mana barumsaa keessatti nyaachisaa fi barsiisaa jirti; dargaggoota miliyoonaan lakkaa’aman leenjii koodarii bilisaa kennuun gahumsa isaanii cimsaa jirti; akkasumas Yunivarsiitii Hubannoo Namtolchee isa jalqabaa hundeessaa jirti.
Boru beekumsa teeknooloojii malee, nageenya saayibarii malee fi birmaddummaa odeeffannoo malee jiraachuun balaa jiraachuu ta’uu mootummaan ni hubata. Kanaaf, dhaloota boruu haalawwan kanneeniif qopheessaa jira.
Damee diinagdee waggoota dheeraaf “duubatti hafaa” jedhamaa ture keessaa qonnaan, boru teeknooloojii malee jiraachuun isaa balaa keessa jira. Balaawwan uumamaa fi namtolchee mudatan dursee ittisuuf, akkasumas deebii saffisaa kennuuf dijitaalaayizeeshiniin murteessaa dha. Tajaajiloota mootummaa qulqullinaa fi saffisaan lammiileef dhaqqabamaa taasisuufis, sirnoonni hojii bara darbee boru qofa osoo hin taane har’as bu’a qabeessa miti.
Dargaggoota sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa fi hojii uumuu danda’an horachuuf dandeettiin dijitaalaa baay’ee barbaachisaa dha. Itiyoophiyaan dhimmoota kana hundaaf xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa waan jirtuuf, “Itiyoophiyaan boru ishee har’a hojjechaa jirti” kan jennuuf.
Qaammee 05 “Guyyaa Egeree” jedhamee kabajamuunis, bara dhufu keessatti dorgommii teeknooloojii kan gaafatu, murtoon ragaa fi xiinxala odeeffannoo irratti hundaa’uun kan kennamu, akkasumas qorannoowwan qonnaa irraa kaasee hanga saayinsii hawaa dijitaalaayizeeshiniin deeggaraman yeroo itti babal’atan keessa seenuuf bara haaraa dura dhaabbachaa waan jirruuf, dhaloota haala yeroo sanaaf malu horachuuf hojjechaa akka jirru hubachiisuuf dha.
Qaammeen 05 “Guyyaa Egeree” jedhamee kabajamuun, dijitaalaayizeeshiniin ijaarsa Itiyoophiyaa boruu fi kabaja abbaa biyyummaa ishee keessatti gahee olaanaa qabaachuu, akkasumas biyyattiin gara sadarkaa ce’umsa dijitaalaa keessa akka jirtu beeksisuuf kan kaayyeffateedha.