Fana: At a Speed of Life!

Kantibaa Adaanach ayyaana bara haaraa sababeeffachuuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Qaammee 5, 2018(FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, Ayyaanni Bara Haaraa caalaatti ayyaana abdii ifaa, waliin jireenyaa, nagaa fi araaraa akkasumas wanti hundi gaarii akka ta’u hawwuu ta’uu ibsan.

Ergaan Kantibaan Adaanach Abeebee Ayyaana Bara Haaraa bara 2019 ilaalchisuun dabarsan akka armaan gadiitti dhiyaateera:

Ayyaanni bara haaraa, waan hundumaa caalaa, ayyaana abdii ifaa, waliin jireenyaa, nagaa fi araaraa, akkasumas waan gaariin itti dhufu haa ta’u jechuun Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebe hawwii isaanii ibsan.

Aadde Adaanech ergaa dabarsaniin “Bara haaraan nu Itoophiyaanotaaf waggaa moofaa irraa gara waggaa haaraatti ce’uu qofa miti. Kanaa mannaa, sadarkaa jijjiiramaa fi guddinaa tokko irraa gara sadarkaa ol’aanaa biraatti kan itti ceenu, riqicha yeroo walitti hidhuudha” jedhan.

Bara haaraa kana abdii haaraa, nagaa, jaalala, waliin jireenya, mul’ata haaraa, cimina, jijjiirama, obsa, bu’aa fi badhaadhina fiduuf kaanee itti hojjenna jedhaniiru.

“Yeroon ni dhufa, ni darba. Wanti darbe deebi’ee hin dhufu. Wanti guddaan, yeroo nuuf kenname keessatti ashaaraa nu booda hin badne, hambaa gaarii dhalootaaf darbu kaa’uu dha” jedhan.

Finfinneen fuulota dullooman bara moofaa waliin geggeessitee, bara haaraa waliin haaromfamtee, haaraa fi miidhagduu taatee jirti.

Hojiiwwan kaleessa hojjennne, jireenya uummataa qabatamaan jijjiiran; magaalaa bareechuu fi miidhagsuu qofa osoo hin taane, magaalaan kun lammiilee ishee kan hin daganne ta’uu kan mirkaneessan hojiiwwan namarratti xiyyeeffatanidha jedhan.

Hojiiwwan kunniin hanqina hawaasa sadarkaa gadi-aanaa keessa jiranii kan guutan, imimmaan dadhabootaa kan haqan, warra dagataman kan yaadachiisanidha.

Hojiiwwan kunniin gammachuu qalbii nuuf kennuu caalaa, gara fuulduraatti jireenya lammiilee keenyaa caalaatti jijjiiruu akka dandeenyu nuuf mirkaneessaniiru jedhaniiru.

Bu’aan kunis akkuma tasaa hin dhufne. Tumsa, qindoominaa fi deeggarsa hundi keenya agarsiisneen kan dhugoomedha. Kunis bu’aa injifannoo jiraattota magaalaa keenyaa hunda, michoota misoomaa sadarkaa adda addaatti argaman, hoggantoota, hojjettoota, abbootii qabeenyaa michoota misoomaa keenya ta’an, dargaggoota, dubartoota, haadholii fi abbootii waliin ta’uun, harka wal qabannee hojjechuun galmeessinedha.

Dhugumatti, yommuu waliin taanee hojjenne ni dandeenya! Bara haaraan hojiiwwan hojjenneetti osoo hin boonin, yeroo keenya osoo hin qisaasessin, har’a irratti dhaabbannee boruuf gara fuulduraatti ilaaluuf, milkaa’ina kaleessaa caalaa hanqina keenya irraa barannee bu’aa caalaatti fooyya’aa galmeessuuf ciminaan hojjechuuf waadaa itti seenudha.

Itoophiyaan biyya keenya, nuti ilmaan ishee hanga wal yaadnuu fi waliif yaadnu, qabeenya nu hundaaf ga’u qabdi. Uumamaan kan eebbifamte, nuuf qofa osoo hin taane, warra biroof illee kan ga’u qabeenya kan qabdu biyya badhaatuudha.

Kanaaf, yeroo bara haaraa simannu, yaadota nu qoodanif iddoo kamiyyuu osoo hin kennin; miira obbolummaa fi walta’iinsa keenya cimsuun, Itoophiyaa jabduu, badhaatuu fi boonsituu taate haa dhugoomsinu!

Tokkummaa sab-daneessaan haa dhaabbannu; Nagaan haa jabaannu; Hojii irratti haa cichinu; Jaalalaan haa tumsinu; Wal haa kabajnu; Itoophiyaas gara olka’iinsa isheetti haa qajeelchinu!

Irra deebi’een, barri haaraan bara nagaa, jaalalaa, araaraa, badhaadhinaa fi guddina olaanaa akka nuuf ta’u onnee guutuudhaan hawwa.

Uumaan Itoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.