Fana: At a Speed of Life!

Kantibaa Adaanach Abeebeen ayyaana bara haaraa sababeeffachuun maaddii qoodatan

Finfinnee, Fulbaana 1, 2019 (FMC) – Kantibaan magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebeen ayyaana bara haaraa sababeeffachuun maaddii qoodataniiru.

Giddugalawwan nyaataa 30 keessatti maaddii qoodaniiru.

Nyaata qopheessinee waliin nyaachuurra darbee, wayita bara haaraa simannu, Baga bara haaraa kana nagaa fi fayyaan geessan jechuun kabajaa fi jaalala nuti saba keenyaaf qabnu ibsuuf, sagantaa ayyaanaa addaa qopheessinee, maaddii waliin qooddachuun ayyaanicha waliin kabajneerra jedhan ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Barri haaraan kan jaalalaa, nageenyaa, gammachuu, badhaadhinaa fi eebbaa akka ta’u hawwaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.