Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Guddichi Haaromsaa Humna Tokkummaa Afrikaati – Barruu Taayim Afrikaa

Finfinnee, Fulbaana 1, 2019 (FMC) – Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa madda anniisaa qofa osoo hin taane Humna Tokkummaa Afrikaati jedhe Barruun Taayim Afrikaa.

Agarsiistuu hawwii Afrikaa fi tumsi naannawaati jechuun barreesse.

Seenaa jajjaboo keessaa tokko ta’uu fi qabeenya waloo Afrikaanootaa ta’uu ibse.

Pirojektoota bu’uuraalee misoomaa ardichi yeroo ammaa hojiirra oolche keessaa isa guddaa ta’uu eere.

Pirojektoonni gurguddoon Afrikaa duraan liqaa dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaarraa argamaniin ijaaramaa turuu yaadachiisuun, Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa garuu seenaa kana jijjiiruun humna ofii fi dandeettii biyyaatiin ijaaramuu hime.

Hidhi kun Afrikaanonni humna fi dandeettii ofii isaaniin pirojektoota gurguddoo ijaaruu akka danda’an, akkasumas dhiibbaa siyaasaa alaa irraa bilisa ta’uun qabeenya uumamaa isaanii misoomsuu akka danda’an agarsiiftuu guddaadha jedhe barrichi.

Hidha Guddichi kun hidha humna elektirikii maddisiisuu irra darbe, pirojektii guddaa, walitti dhufeenya qubsama Siyaasa Gaanfa Afrikaa fi biyyoota yaa’ichaa gidduu jiru guutummaatti jijjiireera jedhe.

Miikiyaas Ayyalaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.