Itiyoophiyaa, Afrikaa keessaa biyya xiyyaara moodeela A350-1000 sochoostu
Finfinnee, Fulbaana 2, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan Afrikaa keessaa biyya tokkittii xiyyaara guddicha moodeela A350-1000 sochoostuu dha.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa xiyyaara A350-1000 isa jalqabaa Sadaasa bara 2024 keessa kan glche yoo ta’u, kanaanis
daandiiwwan qilleensaa Afrikaa keessaa xiyyaara moodeela kana sochoosuuf isa jalqabaa ta’eera.
Yeroo ammaa Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa xiyyaarota A350-1000 afur hojii irra oolcheera.
Xiyyaarota kanneen keessaa tokkoon tokkoon isaanii hanga imaltoota 395 qabachuu kan danda’an ta’uu ‘Africa Global News’ gabaaseera.
Xiyyaarri A350-1000 balalii fageenya dheeraaf kan qophaa’e yoo ta’u, kiiloo meetira kuma 15 fi 557tti dhihaatu balali’uu akka danda’u ibsameera.
Akkasumas, xiyyaarota duraanii waliin yoo madaallamu, boba’aa qusachuu keessatti gahumsa fooyya’aa akka qabu ibsameera.
Itiyoophiyaaf, milkaa’inni kun biyyattiin Afrikaa keessaa giddugala ijoo geejjiba qilleensaa fageenya dheeraa ta’uu ishee kan mul’isu yoo ta’u, Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Afrikaa fi addunyaa guutuu gidduutti walitti dhufeenya geejjiba qilleensaa cimsaa jira.
#Oromia #Ethiopia