Itiyoophiyaan Maaleezhiyaatti Imbaasii ishee akka bantu waamichi dhiyaate
Finfinnee, Fulbaana 2, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan Maaleezhiyaatti Imbaasii ishee akka bantu, Ministirri Muummee biyyattii Anwaar Ibraahiim waamicha dhiyeessan.
Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad, yaa’ii BRICS 18ffaa gaggeeffamu cinaatti, Ministira Muummee Maaleezhiyaa Anwaar Ibraahiim waliin mari’ataniiru
Yeroo kanatti Ministirri Muummee Maaleezhiyaa Anwaar Ibraahiim, Itiyoophiyaan Maaleezhiyaatti Imbaasii ishee akka bantu Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiif waamicha dhiyeessaniiru.
Ministirri Muummee Anwaar Ibraahiim, Maaleezhiyaan Fulbaana bara darbee Imbaasii ishee Finfinneetti argamu waggoota 43f cufamee ture irra deebiin banuu ishee marii isaaniin yaadachiisaniiru.
Tarkaanfiin seenaa qabeessi kun hariiroo biyyoota lameeniif boqonnaa haaraa kan bane ta’uu fi gara fuulduraattis dameewwan adda addaatiin tumsa hunda galeessa cimsuuf kallattiiwwan hojii kaa’amuu ibsaniiru.
Ministirri Muummee Anwaar Ibraahiim, hirmaannaa Maaleezhiyaan BRICS+ waliin taasiftuuf Itiyoophiyaan deeggarsa taasisteef galata dhiyeessaniiru.
Marii isaaniin, waliigalteewwan biyyoota lamaan gidduutti mallatteeffaman gara hojii qabatamaatti jijjiiruuf marii itti aanu gaggeessuuf waliigalaniiru.
#Oromia #Ethiopia