Itiyoophiyaan Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee Afrikaa addatti fayyadu ijaaraa jirti – Ministira Muummee Abiy Ahimad
Finfinnee, Fulbaana 2, 2019 (FMC) — Itiyoophiyaan Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee Afrikaa karaa fooyya’aa ta’een tajaajiluu danda’u ijaaraa jirti jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad kana kan jedhan, yaa’ii hoggantootaa 18ffaa BRICS+, Hindii, Niwuu Deelhiitti gaggeeffamaa jirurratti.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad yaa’icharratti, qormaatawwan addunyaa gosa kamiiyyuu walitti hidhata waan qabaniif, cichoominaa fi qophii biyyaalessaa dursanii ijaaruun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Kunis qaama hojii bulchiinsaa mootummaa keessatti iddoo olaanaa qabaachuu akka qabu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaanis cichoomina kana dameewwan adda addaatiin hojii irra oolchuun mirkaneessaa akka jirtu ibsaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Itiyoophiyaan hirkattummaa oomisha qamadii alaa duraan keessa turte keessaa baatee, yeroo ammaa of danda’uu ishee eeraniiru.
Damee fayyaatiin illee Itiyoophiyaan oomisha qorichaa biyya keessaa bal’inaan guddisaa jiraachuu ibsaniiru.
Bu’uuraaleen misooma dijiitaalaa, kan eenyummeessaa dijiitaalaa Faayidaa, sirna kaffaltii fi waljijjiirraa daataa of keessatti hammatan ijaaramaa jiraachuu eeranii, daataan karaa amanamaa fi seera qabeessa ta’een itti fayyadamuun akka danda’amuuf dambiiwwanis hojii irra oolaa jiraachuu ibsaniiru.
Afrikaan dhaloota AI ijaaruu keessatti qorannoo, dandeettii fi dhaabbilee cimaa qabaachuu akka qabdu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad hubachiisaniiru.
Kanaan walqabatee, Itiyoophiyaan Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee ijaaraa akka jirtu kaasanii, yunivarsiitichi dandeettii teeknooloojii Afrikaa karaa fooyya’aa ta’een cimsuuf kaayyoo guddaa qabatee hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Ciminni tumsa BRICS+ dandeettii tokkoon tokkoon biyyoota miseensotaa qabatanii dhufan irratti kan hundaa’e ta’uus ibsaniiru.
Afrikaan ce’umsa anniisaa magariisaa fi dinagdee dijiitaalaaf baay’ee barbaachisoo ta’an qabeenya uumamaa fi albuudota qabaachuu ishee kaasanii, kaappitaala, teeknooloojii fi gabaa tumsa BRICS+ keessatti argamu qabeenya uumamaa Afrikaa waliin walitti makuun, albuudota jiran irratti sona dabalataa olaanaa uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Soosinnaa Alamaayyootiin
#Oromia #Ethiopia